Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-waraansi  Kaabaa Itiyoophiyaa Gargaarsaa Namoomaa Irratti Dhiibbaa Uumuu OCHAn Beeksise  


OCHA
OCHA

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti waajjirri qindeesa dhimma namoomaa ykn OCHAn wal waraansii kaabaa itiyoophiyaa keessatti irra deebi’ee jalqabamee namoottan rakkinaaf saaxilamoo ta’an fi sochii gargaarsaa namoomaa irratii dhiibbaa umuu isaa beeksisee jira.

Wal waraansa Kanaan kan ka’ee naannoo Tigraay fi Affaar irraa namoonni kuma kudhaniin lakkawaman jireenyaa isaanii irraa akka buqqa’an kan ibse gabaasini OCHA kun Hagayya 23 bara 2022 kaasee karaa lafaatiins ta’e xiyyaaraan imallii garaa Tigraaytti taasifamuu dhaabachuu isaa beeksisee jira.

Karaa biraatiin, akka wal waraansii atattamaan dhaabbatee mariin nageenyaa jalqabamu dhiibbaa gochuudhaaf gaanfaa Afrikaatti bakka bu’aan adda Yunaayitid isteest Miik Hamar Itiyoophiyaa kan jiraan yemmuu ta’u, itti anaa muummee ministiraa fi ministira dhimma alaa kan ta’an Dammaqee Mokonnon fi gorsaa nageenya biyyaalesaa wajjin marii taasisuu isaani ministeerri dhimma alla Yunaayitid Isteets ibsa baseen beeksisee jira.

Wal waraansii dhaabatee akka marii nagreenyaa gamtaa Afrikaa jalatti taasifamuudhaaf karoorfametti deebi’amuu gaafachuu isaanii fi ergaa wal fakkaa taa haanga’oota ABUTf dabarsuu isaanii kan hime ibsii kun, ABUT Tigraayiin alatti haleellaa raawwachuu isaa, mootummaan Itiyoophiyaa Haleellaa xiyyaraa taasisuu isa fi waraanni Eertiraa deebii’ee wal waraansa keessa seenuu isaa Miik Hamar balaleffachuu isaanii beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG