Xurree ittiin seenan

Breaking News

TPLF Marii Araaraatti Hirmaachuuf Qophii Tahuu Isaa Ibsi Baase, Jaarmayaalee Naannoo fi Addunyaatiin Simatame  


TPLF Marii Araaraatti Hirmaachuuf Qophii Tahuu Isaa Ibsi Baase, Jaarmayaalee Naannoo fi Addunyaatiin Simatame  
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:08 0:00

TPLF Marii Araaraatti Hirmaachuuf Qophii Tahuu Isaa Ibsi Baase, Jaarmayaalee Naannoo fi Addunyaatiin Simatame  

Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan TPLF, "deemsa nagaa cimaa jaarsummaa gamtaa Afrikatiin geggeessamu hirmaachuuf qophii ta'uu dubbatee jira. Akkasumas yeroo jalqabaaf garee marii araaraa isaa illee utuu hin turin bobbaafachuuf qophii ta'uu ibseera.

Gamtaan Afrikaa, Tokkummaa Mootummootaa, Gamtaan Awurooppaa, fi Ameerikaan labsii TPLF kana gammachuun simatan. Gama biraatiin jilli addaa Yunaayitid Isteetis, ka Gaanfa Afrikaa Maayik Hamer, bakka-bu’aa ol’aanaa dhimma Gaanfa Afrikaa, ka Gamtaa Afrikaa – Olisheeguun Obaasaanjoo waliin Finfinneetti walga’anii jiran.

USAU, Ergamaan Yunaayitid Isteetis, ka Gamtaa Afrikaa akka ibsetti, bakka-bu’oonni lameen, haala itti Yunaayitid Isteetis carraaqqii gara marii araaraa Mootummaa Itiyophiyaa fi Adda Bilisumaa Uummata Tigiraay gidduutti geggeessamu fi Gamtaa Afrikaan hoogganamuutti geessu gargaaruu dandeessu irratti mar’atan.

Kana malees, Ambaasaaddar Hamer dura taa’aa Koomishina Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliin wal arganii dubbachuu isaanii, Gamtaan Afrikaa mirkaneessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG