Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqaleen Samii Irraa Haaleelamuu Angawaan Hospitaalaa Ibsan


Maqalee naannoo droniidhan haleellamun gabaafame, Fulbaana 13, 2022
Maqalee naannoo droniidhan haleellamun gabaafame, Fulbaana 13, 2022

Kibxata har’a samii irraa haleellaa gaggeeffameen yoo xiqqaate namnii tokko madaa’uu angawaan Hospitaalaa ibsanii jiru.Kunis humnootiin Tigraay mootummaa federaalaa waliin dhukaasa dhabuuf qophii ta’u isaanii eega ibsanii guyyaa lama booda gaggeffame. Haleellaan kun Yunivarsitii Maqalee keesssa kan jiru mooraa barnoota Bizinasii fi buufata Televiziyoona Dimtsii Wayyaanee jedhamu kan bulchiinsa naannoo Tigraayiin gaggeeffame rukutuu isaa hojii gaggeessaan walii gaalaa kan Hospitaala Rifeeraalaa Ayder Kibroom Gabra Silaasee ibsanii jiru.Kanas nama namicha haleellaan madaa’ee sana waliin dhufeetu natti himee jedhan.Dubbii himaan Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Geetaachoo Raddaa mooraan barnoota Bizinasii suun xayyaara nam-maLeeyyii(Droon)n haleelamee jechuun Twitarii ofii irratti barreessan.

Dubbii himaan waraana Itiyoophiyaa Koloneel Geetnat Adaanee fi dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Lggasaa Tullu dhimmi kana irratti yaada akka kennaniif gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne.

Wal waraansii dhiyyenya kana haaraa jalqabamee as haleellaan samii irraa gaggeeffamuun magaalaan Maqalee ennaa rukutamtuu yeroo sadaffaaf ta’u isaa ti.Wal waraansii haaraan kun ka’u isaaf gam lameen walii isaanii wal himataa jiru.

Jilli addaa kan gamtaa Afrikaa Olusheeguun Obasaanjoo kutaa gaanfa Afrikaatti jila addaa kan Yunaaytid Isteet Maayik Haamar walii wiixata kaleessaa kan wal argan yoo ta’u, kan dur Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jabuutii kan ta’an Mohammad Idriis Faarah irratti argamuun ibsamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG