Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaan Prezidaantii Haaraa Muuddee Jirti


Pirezdaantii Keeniyqa Wiliyaam Rutoo, Fulbaana 13, 2022
Pirezdaantii Keeniyqa Wiliyaam Rutoo, Fulbaana 13, 2022

Keniyaan prezidaantii haaraa Wiliyaam Rutoo har’a kakkachisuun aangoo qabsiiftee jirti.Kunis filannoo dorgommii cimaan irratti mul’ate fi adda addummaa sagalee xiqqaan Raa’ilaa Odingaan injiifatamanii sirna har’a kana irratti hin argamiin hafan.

Sirna har’a staadiyamii keessatti gaggeeffame irratti argamuuf dhiibboo uumameen yoo xiqqaate namoonni 40 mada’anii jiru.

Hogganoonni mootummoota biyyoota yoo xiqqaate 20 ta’anii kan irratti argaman yoo ta’u, lammiwwan keniyaa kuma kurna hedduun waaltaa spoortii sadarkaa addunyaa mooyi tti gaggeeffame kana irratti argamanii jiru.

Itti aanaa Keenyaattaa kan turan Rutoon dhiisanii eega banii booda, prezidaantummaaf dorgomanii injifachuun har’a Uhuuruu Keenyaattaa harkaa aangoo fudhanii jiru.

Keenyaattaan filannoo baranaa kana keessatti Ruttoo n faallaa gama Odiingaa dhaabatan.

Umriin isaanii 55 kan ta’e Rutoon lammiwwan keniyaa mara walii hojjachuuf kan dhaadatan yoo ta’u, liqaa alaa argamuu xiqqeessanii malaamaltummaa faccisuuf kan jiran ta’u dubbatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG