Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexxessonni Lama Hidhamuun Ibsamee Jira: Galmee Polisii 


FAAYILII - Me’azaa Mahammad, gaazexessitu Midiyaa Rohaa
FAAYILII - Me’azaa Mahammad, gaazexessitu Midiyaa Rohaa

Gaazexeessonni Amaaraa lama kanneen ifatti mootummaa fedeeraalaa qeequun beekaman torban dabree kan hidhaman ta’u galmeen polisii kan dhaabanni oduu Rooytars jedhamu argee beeksisee jira.

Bulchiinsi naannoo Amaaraa Itiyoophiyaa keessatti hedduumina lakkoobsa uummataan sadarkaa lammaffaa irra kan jiru yoo ta’u Dr. Abiyyiif maadhee aangoo bal’aa fi ijoo dha.

Gobazee Sisaay bu’ursaa Raadiyoo sagalee Amaaraa yoo ta’u, sabaa himaa hawaasaa irratti Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT)deggere jedhamuun himatame.

Me’azaa Mahammad gaazexessitu Midiyaa Rohaa yoo taatuu uummanni Amaaraa Addi Bilisummaa Uuummata Tigraay (ABUT) naannoo isaanii keessa akka darbuuf ehama jechuun jajjabeessite himatii jedhu irratti dhiyachuu galmeen polisii ni agarsiisa.

Uummanni Amaaraa kanneen daangaa Tigraayti dhiyoo jiran waa’ee wal waraansaa nuffinee jirra jechuun Gobazeen torban dabree Fees Buuk dhiyeesse ture.

Baatii Ebla dabree namoota Amaara ta’anii fi hidhaman kuma hedduu keessa Gaazexxessonni, namoonni siyaasaa fi miseensonni milishaa keessatti kan argaman yoo ta’u hangii tokko amma iyyu hidhaa keessa jiru.

Dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa, hogganaan abbaa aangoo midiyaa Itiyoophiyaa akkasumas, dubbii himaan polisii dhimmi kana irratti yaada akka kennaiif gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne.

Koreen mirga Gaazexessootaaf falmuu (CPJ)n akka jedhutti, walitti bu’iinsii eega ka’e as Gaazexxessotaa fi hojjattoota Midiyaa yoo xiqqaate 63 ta’an hidhamuu baatii dabree gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG