Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Somaaliyaa Gandeen 20 Hidhattoota Harkaa Deebisee To’achuu Beeksise.  


Miseensota  humna waraanaa  Somaaliyaa hojii eegumsaa irra jiran, Hagayya 27, 2022.
Miseensota  humna waraanaa  Somaaliyaa hojii eegumsaa irra jiran, Hagayya 27, 2022.

Waraannii Somaaliyaa gandeen 20 kanneen ammaan dura garee Islaamummaa Al-Shabaabiin kutaa Hiraan waaltaa keessaatti qabamanii turan tarkaanfii fudhateen qabachuu beeksisee jira.

Ajajaan waraana somaaliyaa Kaapteen Mohammad Daud RSAf bilbiblaan wiixata kaleessaa akka ibsanti, waraanni biyyatti kan hidhattoota naannoo biraa tumsa qaban looltoota Al Shabaab 100 caalaa ajjeesuun gandeen 20 garee al-qaidaatti hidhata qabu irraa walaboomsanii jiru.

Hidhattonni al-shaab ka biraan 20 qabamuu isaanis ibsee jira.Yeroo duula kana gaggeessanitis micoota keenya biraa samii irraa deggersa haleellaa qabaataa turre jedhanii biyya kam akka ta’e garu hin ibsine.

Al shabaab uummata biyyattiif sodaa waan ta’eef jecha Mootummaan somaaliyaa garee kana dhabamsisuuf cichaan hojjataa jira jedha ibsii ba’e.

Isa mootummaan somaaliyaa jedhe kana irratti Al Shaab waan jedhe hin qabu.Garu kutaa Hiraan keessatti haleellaa boombii hedduu kan humnootii nageenyaa somaaliyaa irratti gaggeessaa akka gaggeessaa ture ibse.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG