Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeriyaan Angoolaa Keessatti Omishtummaa Boba’an Gad Buutee Jirti


FAAYILII- Konkolaattota gaazii Bona’s waraabbachuf dabaree eeggatan, Leegos, Naayijeeriyaa 
FAAYILII- Konkolaattota gaazii Bona’s waraabbachuf dabaree eeggatan, Leegos, Naayijeeriyaa 

Naayjeriyaan Angoolaa keessatti omishtuu zayiita boba’aa olaanaa kan Afrikaa ta’u ishee kan dhabde ta’u keessa beektonni Indastrichaa dubbatanii jiru.Kanaaf jecha yeroo dhiyoo keessatti Libiyaatti aantee sadaffaa ta’u maltii.

Xiinxaltoonni waa’ee zayiita boba’aa akka jedhanti,hanga tokko weerara Raashaan Yukreen irratti gaggeesitaa jirtuun gatiin zayiita boba’aa akka malee guddataa yeroo jiru kanatti omiishiin Naayjeriyaa rakkoon isa mudataa jira.

Prezidaantiin Naayjeriyaa Mahmmaduu Buhaarii, galmeen oomisha zayiita boba’aa Kan Naayjeriyaa gad bu’aa adeemuu isaaaf sababaan shiira hojjatameetu jira akkasumas hanna jedhan.

Omiisha hanqiina agarsisee kun doolaara biliyoona heedduu dilaala irraa argamuu hambisuuf deema.

Jimaata dabree Buhaariin dinagdee biyyatti kan ilaaleen koree haaraa hundeessuun dhimma hanna zayiita boba’aa irratti battalumatti mariin akka gaggeeffamu taasiisan.Hannatu biyyatti haala hamaa irra buusaa jira jedhan Buhaariin.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG