Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-waraansi Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Itti Fufuun Isaa Himamaa Jira 


Wal-waraansi Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Itti Fufuun Isaa Himamaa Jira 
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:56 0:00

Wal-waraansi Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Itti Fufuun Isaa Himamaa Jira 

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay, Mariin Araaraa Gamtaa Afrikaan hoogganamu yoo itti fufe haal-duree tokko malee akka fudhatu eega beeksisee booda, wal-waraansi Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti geggeessamu kan itti fufe tahuun himamaa jira.

Waraansichi itti fufuu isaa fuula Twiiter isaanii irratti kan ibsan dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachew Raddaa, magaalaa Maqalee irratti haleellaan diroonii geggeessamuu himanii jiran. Halellichi Yunivarsitii Maqalee, mooraa Addi Haqqiitti ka xiyyaafate tahuu kan ibsan yoo tahu, miidhaa dhaqqabe ilaachise garuu homaa hin dubbanne.

Haleellaa kana ilaalchisee gama mootummaa Itiyoophiyaa tii deebii kenname hin jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG