Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Xiyyaaraa  Maqalee Irratti Raawwatameen Namoonni 10 Du’anii Hedduun Madaa’an 


Haleellaa Xiyyaaraa  Maqalee Irratti Raawwatameen Namoonni 10 Du’anii Hedduun Madaa’an 
Haleellaa Xiyyaaraa  Maqalee Irratti Raawwatameen Namoonni 10 Du’anii Hedduun Madaa’an 

Yemmuu wal waraansii kaaba itiyoophiyaatti irra deebi’ee jalqabame itti fufee jiru kanatti Xiyyaarri waraanaa nam-malee Ykn Droniin Roobii har’aa ganama magaala Maqalee keessaatii haleellaa bakka Lamatti raawwateen yoo yarate namoottan 10 ajeesuu isaa hogganaa Hospitaalaa Haayider Maqaleetti argamuu waabeffachuu dhaan gabaasaaleen bahan ibsanii jiru.

Gabaasaan VOA Freed Harteriin Finfinnee irraa gabaasnii qindeesse kan waabeffate, Daarekteerri Hospitaalaa Haayider Dr. Kibroom Geberesilaasee akka jedhanitti haleellaan jalqabaa kan raawwatame akka lakkoofsaa Itiyoophiyatti Roobii ganama Sa’atii 1:30 irratti.

Haleellan lammaffaan booda taasifame kan xiyyeeffate bakka jireenyaa kan Siviilotaa irratti akka ta’ee kan ibsan Dr. Kibroom namoottan Kudhan du’anii alatti nomoonni Hedduun madaa’anii garaa hospitaalaa dhaqaa jirachuu isaanii ibsaniiru.

Haakimiin hospitaala Hayyider madda oduu Rooyitersitti dubbatan akka jedhanitii haleelan lammataa namootaa warra haleelaa jalqabaatiin miidhaman gaargaaraa jiran irratii miidhaa geesisee jira.

Gabaasaan VOA Mulugeetaa Atsibahaa bakka balaan kun qaqqabe deemuudhaan Maqalee irraa akka gabaaseetti haleellan sun kan raawwatamee bakka jireenya Siviilotaa kutaa magaalaa Adii Haqqii jedhamu ,ganda Daagim Ambaasel keessatti kan raawwaateedha. Balaa kanaanis namoonni 10 du’anii 13 madaa’uu isaanii haanga’ootaa hospitaalaa waabeffachuudhaan Mulugeetaa Atsibahaa ibsee jira.

Haleellaa xiyyaaraa kan irratti mootummaan Itiyoophiyaa ifatti deebiin keenne amma ammatti hin jiru.

Gama biraatiin hoogganaan waraanaa TPLF, Taaddesee Werredee kaleessa ibsa kennaniin humnoonni Tigirayaa magaalaa Shiraaroo,” jechuu isaanii maddi oduu Ajaansi Firaansi Pirees gabaasee jira. Maddi oduu kun akka jedhutti, magaalaan Shiraaroo Tigiraay Kaaba Lixaa keesssatti naannoo daangaa Ertiraatti kan argamtu yoo tahu, bakka kanatti humnoonni Tigiraay loltoota mootummaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa jalqaba baatii Fulbaanaa kana irra haleellaa nu irratti banan, jedhan of irraa deebisuuf kan lolaa jiran tahuu dubbatan.

Dilbata dheengaddaa hoggantoonni mootummaa naannoo Tigraay dhukaasaa dhaabuu fi waldhabiinsichaa karaa nagaadhaan xumuruudhaaf fedhii akka qaban ibsuun isaanii kan beekamuu yemmuu ta’u ergasii as Kaaba,kibbaa fi lixa Tigraay keessatti lolli cimaan itti fufee jiraachuun isaa beekameeraa.

Haaluma walfakkatuun dhaabanii miti mootummaa “OLLAA” jedhamee beekamuu marii nageenyaa waltibu’insa kaaba itiyoophiyaa keessaatti jiruu hiikuudhaaf taasisamaa jiru irratti ibsaa baaseen , mariin taasifamuu’adhhaf karoorfaamuu kamuu rakkinaa guutummaa biyyatti keessuumaa Oromiyaa keessa jiru irrati akka xeyyeefachuu qabu ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG