Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Itiyoophiyaa Kaabaatti Sochii Gargaarsa Namoomaa Itti Fufuu Isaa Dubbata  


FAAYILII - Meeshaan qarqaarsaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa yeroo buufata xiyyaaraatti buufamu, Finfinnee, Ebla 14, 2020
FAAYILII - Meeshaan qarqaarsaa Sagantaa Nyaataa Addunyaa yeroo buufata xiyyaaraatti buufamu, Finfinnee, Ebla 14, 2020

Gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuudhaaf jechaa waligalteen dhukaasaa dhaabuu Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifamee erga addan citee wal waraansii jalqabamee as sochiin gargaarsa namoomaa lafaa fi qileensaa irraan garaa Tigraayti taasifamuu dhaabbatus hojjattoonni gargaarsa namoomaa namoottan jireenyaa isaanii irraa buqqa’an gargaaraa jiraachuu isaanii dubbi himaan dhaabbata mootummota gamtoomanii Steefan Duhaariik ibsanii jiru.

Steefan Duhaariik kaleessa ibsa kennaniin hojjattoonni gargaarasaa qorchaa fi meeshaa waa qabaneessu ykn Firiijii buufatalee fayyaf akka kenna jiran dubbatani, namoonni akka haaraatti buqqa’anii magaalaa shire fi Maqalee keessaa qubatan kuma 23 gargaaramuu isanii ibsaaniiru.

Naanoo bulchiinsaa Amaaraa godina walloo kaabaa magaalaa Marsaa mannootan baruumsaa Shan keessaa namoonii qubataan caalaan isaanii ijooleewwan fi haadholii kan ta’an kuma 12f dhaabbileen gargaarsa namoomaa qaqqabafii akka jiran kan himan dubbi himaan mootummoota gamtoomanii, Bahaa fi kibbaa Itiyoophiyaa kessatti namoonii miliyoonii 16 ta’an hongeedhaan kan ka’ee balaa beelaatiif saaxilamanii akka jiran ibsuu isaanii Maargaareet Besheer gabaastee jirti.

itti gaafatamaan biroo bulchiinsaa ittisa balaa Godina wallo kaabaa obbo Alemu Yimer namoonni akka haaraatti qe’ee isaanii irraa buqqa’n kuma 92 ta’an jiraachuu isaan akka ibsan Asteer Misgaanaawu Baahir daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG