Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagaantaa Yaa’ii Mootumootaa Gamtoomanii Jijjiramuu Akka Malu Ibsame


Faayilii-The logo of the United Nations
Faayilii-The logo of the United Nations

Sirna awwaalcha mootitti Elizaabeex Lammaffaa issa Fulbaanaa 19 bara 2022 raawwatmuun walqabatee yaa’ii mootummoota gamtoomanii marsaa 77ffaan irratti karoorrii hoggantoonii biyootaa haasaa itti taasisan jijjiramuu akka danda’uu ibsamaa jiraa. Walgahii Fulbaana 13 jalqabee amma fulbaana 27 bara 2022 dhimmootaa adda adda irraatti, sadarkaa adda addaatti marayatuu kana irratti Fulbaanni 20 bara 2022 hoggantoonii olaanoon biyyootaa guyaa irratti hirmaachuu jalqabanuudha.

Karaa biraatiin hoogantoonni biyootaa hedduun sirna awwalacha mootiitti Ingilaand irratti waan argamanu fi Londonii ka’anii yemuu Niwu Yoorkitti Imalan qindeessa balalii xiyyaaraa dabalatee rakkinni loojestikaa muudaachuu akka dand’u ibsamee jiraa.

Kanaafuu tartiibnii hoggantoonni biyoottanii haasaa itti taasisan fi walgahiin adda addaa jijjiramuu akka danda’an margaareet Beeshir Niwu yoork irraa gabaasete jirti.

Yaa’iin baraa kan taasifamu yeroo balaa guddaa keessa jirrutti kan jedhan barreesaan muummee mootumoota gamtoomanii Antoniyoo Guterees ,

“adduunyaan wal waraansaan barbadaa’a jirti, rakkina haala qileensaa keessaa galtee jirti, soda jibbiinsaa, leeyyoo iyyummaa, beelaa fi dhabiinsaa walqixxummaa keesaa jirti” jechuun isaanii gabaasameera.

Yaa’ii kana irratii wa’een wal waraansaa Raashaa fi Yuukreen, keessuumaa waa’een dhaabbata Nukleeraa Zaporiziziyaa, waa’een haala jijjirama qileensaa ijoo dubbii isa duraa akka ta’u beekamee jiraa.

Tibbana biyyaa lolaa roobaatiin miidhamaa jirtuu kan daawatanii deebi’an Antoniiyoo Guterees hooggantoonii biyyootaa dhimmaa jijjirama qileensaa ajandaa isaanii issa jalqabaa akka taasisan dubachuun isaanii ibsameera.

Yaa’iii ergaa bara 2020 ti as yeroo jalqabaatiif hoggantoonii biyyaa heeduun qaamaa irratii hirmaatuu jedhamee kan irratti prezidaantii yunaayitid isteets Joo Baayiideen walgahii waa’ee wabii nyaataa adduunyaa hogganu jedhamee eegama.

Yaa’ii kana irratti Prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Puutiin akka hin argamnee kan mirkanaa’ee yemuu ta’u, Prezidaantiin Yuukreen Volodimir Zeleniskii argamuu fi dhiisuun isaanii addan hin bane.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG