Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koreen Dhimma alaa Mana Maree Yunaayitid Isteetis Murtoo Hariiroo Afrikaa Waliin Ilaallatu Baase


File-Congresswoman Karen Bass, D, California
File-Congresswoman Karen Bass, D, California

Mana maree bakka bu’otaa yunaayitid Isteets ti koreen dhimmaa alaa seeraa waltii dhufeenya gamtaa Afrikaa wajjin jiruu irraa deebii’ee sireessuu fudhatee jiraa. Yaadiin seeraa kun kan dhihaatee Paartii Demokiraatii irra bakka buutuu kutaa kaliiforniyaa kan ta’an Kaareen Baasii fi Paartii Repabliikaanotaa irraa bakka bu’aa kutaa Niuwu jersii kan ta’an Kiriis Smiiziin.

Seerii ykn murtoon “HR 1342” jedhamee moggaafamee kun dhimmaa nagaa fi nageenyaa, bulchiinsa diimokraatawaa, fayyaa hawaasaa fi nyaata madaalawaa, wabii midhaan nyaataa, akkasumas akkaataa daldala bilisa ta’ee taasisuu ykn yaadaa bakkeewan daldala walabaa ardii afrikaa “African Continental Free Trade area” jedhamu irratii haala hojjachuu danda’amu irraatii walitti dhufeenyaa yunaayitid Isteetes fi biyyoottan miseensaa gamtaa Afrikaa waliin qabaachuu qabduu irratti kan xiyyeefatae akka ta’e beekameeraa.

Yaadaa kan hoggaanaa turan bakka buutuu Kaareen Baasii erga gamtaan Afirikaa umamee waggootan 20n darbanii fi yunaayiitid Isteets karaa siyyaas-naannoo, hawaas-diinagdee, fi dhimmaa nageenyaa irratti waliin hojachaa akka turetee ibsanii yemmuu gamtaan Afrikaa wagga 20ffaa hundeeffama isaa kabajuuf deemuu kana irratii murtoo seeraa kana hogganuu isaaniitiif akka gammadan ibsuun isaanii gabasameraa.

HR 1342 deggersaa miseensotaa mana maree bakka bu’otaa 40 ol kan argatee yemuu ta’uu, hojii irra ooluudhaaf walgahii mana maree bakka bu’otaa guutuutti dhihaatee seeraa ta’ee raggaasisamuu qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG