Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-dhibdee Itiyoophiyaa Keessaaf  Daandiin Furmaataa Marii Nagaa Qofa Tahuu Hubachiise, Gamtaan Awurooppaa  


Wal-dhibdee Itiyoophiyaa Keessaaf  Daandiin Furmaataa Marii Nagaa Qofa Tahuu Hubachiise, Gamtaan Awurooppaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00

Wal-dhibdee Itiyoophiyaa Keessaaf  Daandiin Furmaataa Marii Nagaa Qofa Tahuu Hubachiise, Gamtaan Awurooppaa

Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi humnoota Tigiraay ka TPLFn hoogganamu gidduutti waraansa taasisamaa jirutti xumura gochuuf jecha, marii nagaa Gamtaa Afrikaatiin hoogganamutti hirmaachuuf qophii tahuu eega TPLF xumura torban dabree irra beeksisee booda, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo duraatiif, har’a dhimmicha irratti deebii kennee jira. Itti-aanaan muummee-ministaraa fi ministarri dhimma alaa Itiyoophiyaa, Obbo Demeqee Mokonnon, Tajaajila Dhimmaa Alaa Gamtaa Awurooppaatti Daarektara dhimma Afrikaa kan ta’an Riitaa Laaranjiniha waliin marii taasisan irratti “Itiyoophiyaan marii nageenya Gamataa Afrikaan hoogganamutti hirmaahuuf cichitee jirti” jedhan.

Gama biraatiin Gamtaan Awuroopaa ibsaa kaleessaa baaseen “karaan gara fuul-duraatti geessu marii nagaa qofa,” jedhee, haleellaan mootummaa itiyoophiyaatiin itti fufee jiru, keessumaa haleellaan xayyaraa humnoonni mootummaa magaalaa Maqalee irratti geggeessan “nagaa-buusuuf abdii jirutti balaa fida” jechuun qeeqe. Qoodni Ertiraan lola kana keessaa qabdus, “carraaqqii marii nagaaf taasisamaa jirutti danqaa ta’aa jira” jedhee jira – Ibsi Gamtaan Awurooppaa baase kun.

Forum

XS
SM
MD
LG