Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaa Geggeessameen Caasaaleen Hawaasaa Naannoo Amaaraa Godina Waag-Himraa Manca’uu Angawoonni Naannoo Beeksisan


FAAYILII - Namoota sababa waraanaatin qehee ofii iraa godaanaa turan, Naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa godina bulchiinsa Waag-himraa keessaa walitti bu’iinsi kaaba Itioophiyaa deebi’ee ka’uutti aansee aanaa Ziqwaalaa keessaa waaltaaleen tajaajila kennan adda addaa manca’aniiru ykn miidhaa hamaan irra ga’uu bulchiinsi godina Wag-himraa beeksisee jira.

Angawoonni naannoo VOAf akka ibsanitti manneen barnootaa sadarkaa duraa 10 fi kan sadarkaa lammaffaa 2 kan magaalaa Qedaamit keessaa guutummaatti barbadaa’aniiru jedhan. Badii kana kan dhaqqabsiises TPLF jechuun himatan. Akka angawoonni kun jedhanitti kellaalee eegumsa fayyaa irras miidhaan ga’ee jira.

TPLF biraa deebiin kenname hin jiru. Garuu kana dura qabeenyaa dhuunfaa mootummaa irratti saamichaa fi badii ga’een wal qabatee himannaalee dhiyaatan fudhatama dhabsisee jira. Amnestii Internaashinaal jalqaba waggaa kanaa ibsa baaseen humnoonni ABUT waggaa darbe naannolee Amaaraa to’atanii turan keessaa qabeenyaa namoota dhuunfa saamuuf mancaasuu isaaniitiin himatee jira. Amnestiin gabaasa isaa suraalee saatelaayitiin mirkaneessee jira jechuun Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

XS
SM
MD
LG