Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baayiden Gumiin Tokkummaa White Housitti Qopheessan Irratti Hookkara Jibbiinsa Irratti Hundaa’e Balaaleffatan


Prezidaantii Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden
Prezidaantii Yunaayitid Isteetis, Joo Baayiden

Wal ga’ii kamisa kaleessaa White House-tti geggeessame hookkara jibbiinsa irratti hundaa’etti duuluu irratti kan fuuleffate yoo ta’u prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden ol aantummaa warreen adii balaaleffachuu dhaan biyyattiin qaama siyaasa ishee summaa’aa irra akka aantu yaadachiisaniiru. Qeeqxonni Baayiden wal dhibdee kan uumu isaanuma jedhan jechuu dha gabaasi Paatsii Widaaksuwaaraa White House irraa ergame.

Hiriirri ol aantota warreen adee bara 2017 Charletsviil VA keessatti geggeessame ilaalchisee prezidaan Joo Baayiden mormii hiriirtota sanaa irratti ajjeechaa raawwatame ennaa gumii “wal taaanee haa dhaabannu” jedhu qopheessanitti yaadachiisaniiru.

Warreen ol aantummaa adii leellisan dhuma irratti hin injifatani. Kanaaf summii fi jeequmsi akkasii seenaa bara keenyaa ta’uu hin danda’u.

Waayit Haawus akka jedhetti sagantichi hawaasa haleellaa jibba irratti hundaa’e keessa darban ni kabaja,

dhukaasa jumlaa mana sagadaa Siik Wiiskaansin keessatti bara 2012tti raawwatame dab alatee; mana bashannanaa halkanii saala walfakkaataa Filooriidaa irratti bara 2016; raawwatame, suuqii bareedinaa warra Eeshiyaa Joorjiyaa keessatti bara 2021tti; suuqii guddaa Teeksaas keessatti bara 2019tti, haleellaa warreen Ispaanishii irratti qiyyaaffate fi jalqaba bara kanaa suuqii guddaa Niiw Yoorkitti argamu keessatti namoota Gurraacha irratti haleellaan fuuleffate geggeessameera.

Ragaan FBI akka agarsiisutti waggoota dhiyoo asitti yakki jibbiinsaa dabalaa dhufeera.

Muddama weerara vaayirasichaa waliin walqabatee fi haasaa jibbiinsa siyaasaa dabalatee haleellaalee hedduun akka dabalan gumaachaniiru, .

Sun waggoota jahan darbaniif waan guddaa ture, bakka namoonni siyaasaa gurguddoon waan warra olaantummaa warra adii fi warra gara jabeeyyii biroo jedhan waliin guutummaatti jecha walsimu yeroo dubbatan dhageenya jedhan.

Qorannoon Economist—YouGov jedhamuun gaggeeffame akka agarsiisutti lammiiwwan Ameerikaa dhibba irraa 66% jalqaba bara 2021 irraa eegalee qoqqoodinsi siyaasaa biyya kanaa hammaateera jedhanii amanu, dhibba irraa harki 62 immoo waggoota dhufan keessatti qoqqoodinsi siyaasaa akka dabalu eegu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG