Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummati Kumaatamatti Laka’amu Mootittii Briteeniif Kabajaa Qabu Ibsuuf Jecha London Keessatti Wal Ga’e


Uummati Kumaatamatti Laka’amu Mootittii Briteeniif Kabajaa Qabu Ibsuuf Jecha London Keessatti Wal Ga’e
Uummati Kumaatamatti Laka’amu Mootittii Briteeniif Kabajaa Qabu Ibsuuf Jecha London Keessatti Wal Ga’e

Namoonni kumaatamaan laka’aman galma Westminister keessatti argamuu dhaan mootitttii Briteen Elizaabeeth 2ffaaf kabajaa qaban isa xumuraa mul’isuuf jecha London keessa hiriiruu itti fufaniiru.

Hiriirri jiru toorri isaa riqicha Tower darbee km ja’a dheerata.

As dhufnee Mootittii dhaaf kabajaa qabnu mul’isuun nuyiif barbaachisaa dha. Jechuun koo mootittii bara jireenya keenyaa guutuu isaan beekna. Isaan waliin guddanne. Nuyiif akka akkawoo ti. Kanaaf as dhufuun barbaachisaa dha jedheen yaada. Kan nama ajaa’ibu namoota hedduu ganama kana asitti argamuu isaanii ti. Martinuu dhaabatanii obsaan calliinsaan toora isaanii eeggachuun nama ajaa’iba.

Kanneen gadda isaanii ibsuuf argaman kun reeffa Mootittii Elizaabeet dura daawwatanii darbuuf kan dhaabatan hin fakkaatan.

Birtteen keessaa uummanni hedduun kan isaan beeku kan du’aan boqotan reeffi mootittii Elizaabet Hanga Wixata sirni awwaalchaa isaanii raawwatamutti mana mootummaa keessa tura.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG