Gareen seera tumtoota Yunaayitid Isteeits ka paartiilee lamaanii jalqaba baatii kanaa pirezidaantii Taayiwaan Tsai Ing-wen waliin kan wal argan yoo ta’u, kunis Chaayinaa waliin waldhabdeen cimaan ennaa uumamett Kongireesii Yunaayitid Isteetis biraa odolattii kanaaf deeggarsa taasise isa boodanaa agarsiisa.
Odu gabaastuun VOA Katherine Gypson miseensota jila kanaa waliin waa’ee nageeny Yunaayitid Isteetisii fi deeggarsa dinagdee Taayiwaan ijaalchisee mariisistee jirti.
Jilli Kongireesii paartiilee lamaanii doorsisa Chaayinaa irraa dhufuun walqabatee hariiroo gadi fagoo akka qabaatu gaafachaa jiraachuun deeggarsa Taayiwaan haaromfame ka biroo ti.
Daawwannaan dhiyeenyaa kun imala seena qabeessa Naansii Peloosiitti aansee ti. Kunis waggoota 25 keessatti afaan yaa’ii mana mareen daawwannaa geggeessame isa jalqabaa ture. Miseensi jiloota sanaa tokko VOAf akka himanitti adeemsi Yunaatid Isteetis yeroon itti jijjiiramu amma jedhan.
Bulchiinsi Baayiden gurgurtaa meeshaa waraanaaf kan oolu doolaara Biliyoona $1.1 torban darbe Taayiwaaniif kan raggaasise yoo ta’u, kunis Chaayinaa biraa battala mormii dhaqqabsiisee jira.
Bulchiinsi Baayidan torban darbe Taayiwaanitti meeshaa waraanaa doolaara biiliyoona 1.1 akka gurguramu raggaasiseera – kunis Chaayinaa irraa balaaleffannaa saffisaa argamsiiseera.
Forum