Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ertraan Wal Waraansa Itiyoophiyaa Keessaaf Looltoota Ishee Waamaa Jirti: Kaanaadaa fi Briteen 


FAAYILII - Daangaan Itoophiyaa fi Ertiraa yeroo baname siran ture irratti namoota argaman, Bara 2018
FAAYILII - Daangaan Itoophiyaa fi Ertiraa yeroo baname siran ture irratti namoota argaman, Bara 2018

Angawoonni Ertraa humnootiin waraana biyyatti wal waraansa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti irra deebi’ee ka’eef waamicha gochuu isaanii mootummonni Briteen fi Kanaadaa ibsanii jiru. Baatii dabree wal waraansatti deebi’uun kun dhukaasa dhaabiinsa baatii Bitooteessa keessa tolfamee diiguun, wal waraansa mootummaa Itiyoophiyaa fi ABUT gidduu karaa nagaan furuuf abdii jiru dukkaneesse.

Wal waraansa Tigraay gama kibbaa keessaa ka’e gara addaa waraanaa kaabaa fi dhiyaatti ce’e kanaaf situ dura dhukaase jechuun gama lameen wal balaaleeffataa jiru.yeroo wal waraansii duraan jalqabamee, humnootiin Ertraa humnootii Itiyoophiyaa cina hiriiran.

Gorsa imalaa Jimaata dabree mootummonni Kaanaadaa fi Briteen baasaniin, lammiwwan isaaanii kanneen Ertraa keessa jiran, sochii isaanii akka daangeessan akkasumas of-eeggannoo akka godhan gaafatan.

Ertraan addunyaa irratti biyya Cufaa taatee yoo taatuu gabaasa Kaanaadaa fi Briteen kana irratti yaada hin laanne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG