Hidhamtootaa fi godaantonni dhalattoota Tigraay kanneen mooraa magaalaa Samaraa keessa turan, bakka duraan jiraataa turan magaala Abaalaa kan bulchiinsa naannoo Afaaritti hojiin deebisuu xumuramuu isaaf komishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa galateeffatee jira.
Komishinni kun baatii waxabajjii dabree, namoonni mooraa samaraa fi Agaatinaa keessatti hidhaman battalumatti akka gadhiifaman gaafatee ture.Kana malees seeraan ala akkasumas ajaja mana murtiin ala, eenyummaa isaaniif jecha qofa hidhaman jedhee ture.
Mootummaan bulchiinsa naannoo Afaar garu namootii kun nageenya isaaniif jecha mooraa keessa ka’aman jechuun falme.Itti aanaa komishiinara Komishinichaa Raakeeb Meselee jara lafa duraan turanti deebisuu xumuramuu isaa simatanii, kanaafis mootummaa bulchiinsa naannoo Afaar yaada Komishinichii dhiyeesse irratti hundaa’uun deebii kennuu isaaf galateeffatan.
Garu waajira ittisa balaa naannoo sanaaf itti gaafatamaa kan ta’an Mohammad Huseen RSAf akka ibsanti namoota kana Ab’alaa tti deebisuun kun yada Komishiinicha biraa dhiyaatee irratti hirkachuun hin gaggeeffamne jedhan.
Mootummaa bulchiinsa naannootu murteesse malee jedhan. Kunis jaarmayoota addunyaa waliin bulchiinsii naannoo dubbachuun namoota hafan 600 gara bulchiinsa naannoo Tigraay ti deebise jechuun Obbo Mohammad Huseee dubbachuu isaanii Gabra mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.
Tigraay Keessa Kan Turan Dhaabattonni Dawaa Jumlaan Raabsan 80 ol Cufaman.
Waldaan Faarmaaasii naannoo snaa beeksisee jira. Dawaan Tigraay seenuu waan hin jirreef jecha uummanni rakkoo keessa akka jiru kan ibsee waaldaan kun Dawaalee silaa Tigraay seenuu qaban 100 keessaa harka 5.2 qofatu seena jedha.
Ogeessonni Faarmaasii fi abbootiin qabeenyaa Faarmaasii lama Magaala Maqalee keessatti dawaa dhabuun du’u isaanii ibsamee jira.Daa’imman dhalataniif talaaliin kennamu akka hin jirre fi dhukkuuba Kaansarii wal’anaa kan Turee hospitaalli Aydar tajaajiila addaan kutuun isaa ibasmee jira.
Rakkoon hanqiina dawaalee kan Tigraay keessaa olaanaa ta’u hubachuun dhaabatonni addnyaa qargaaruu qabu jechuun itti gaafatamaan waldaa Faarmaasii Tigraay Gaafachuu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.
Forum