Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Naanoo Warshaa Nukleeraa Yukreen Ka Biraa Haleelte: Yukreen 


FAAYILII - Suuraa humina waraanaa Yukireen irraa argame diroonii dhahamee kufe agarsiisu, Fulbaana 13, 2022
FAAYILII - Suuraa humina waraanaa Yukireen irraa argame diroonii dhahamee kufe agarsiisu, Fulbaana 13, 2022

Raashaan haleellaa misaa’eelaa warshaa nukuuleera kan sadarkaa lammaffaa isa yukreen gama dhiyaa jiru cina rukutuu isaa hojjataan warshaa Sanaa wiixata har’a ibsan.

Kaampaaniin humna Nukleer maddisisuu kan Yukreen Ibsa baaseen, warshaa Nukleeraa sana irraa fageenya meetra 300 kan haleelee yoo ta’u garu, meshaa sochii warshaa Nukleera to’atu hin miine.Haleellaan Raashaan gaggeesite Gamoo naannoo sana turan barbadeessuu isaa Kaampaanichi ibsee jira.

Prezidaantiin Yukreen Valodmiir Zileniskii, haleellaa warshaa nukleeraa biyya isaanii isa sadarkaa lammaffaa irratti gaggeeffame kana ilaalchisee deebii kennaniin, Raashaan addunyaa guutuu balaaf saaxilaa jirti, kanaaf yeroon ituu hin darbiin dura dhaabuu danda’uu qabna jedhan.

Warshaan Nukleeraa Guddichi kan Yukreen Zaprojiyaa keessatti kanaa argamu yoo ta’u, erga jalqaba baatii Fulbaanaa kanaa kaasee cufameera. Kunis haleellaa gaggeeffamuuf Raashaa fi Yukreen walii isaanii himataa waan turaniif jecha ta’uun beekamee jira,\.

Prezidaantiin Yunaaytid Istees Joo Baaydiin Televiziyoona CBS jedhamu waliin Dilbata kaleessaa galgala gaaffii fi deebii gaggeessaniin, Amerikaa fi michoota kanneen biroo biraa deggersa kennamuun, akkasumas gootummaa fi murannoo jabaa uummata Yukreen qabu ittidabalamee, waraana Kanaan Yukreen hin injiifatamtuu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG