Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wiirtuun Ajajaa Humna Naannoo Tigiraay Haleellaan Baldhina Qabu Nu Irratti Baname Jechuun Ibsa Baase  


FAaYILII - Konkolaataa barbadaahe maddii namni yeroo darbu, Abi Adii, Tigraay
FAaYILII - Konkolaataa barbadaahe maddii namni yeroo darbu, Abi Adii, Tigraay

Humnoonni mootummaa Itiyoopiyaa fi mootummaa Ertiraa waraana mootummaa naannoo Tigraay irratti bakka hedduudhaan lola banuu Wiirtuun ajajaa ykn Komaandi poostiin mootummaa naannoo Tigraay Kbxata har’aa ibsaa baaseen beekisisee jiraa.

Akka ibsichii jedhutti, waraanii mootummaa Itiyoophiyaa, humnii addaa mootummaa naannoo Amaaraa, gareen hidhatootaa Faannoo jedhamuu fi waraanni mootummaa Ertiraa ganamaa har’aa irraa kaasanii Takazee irraa amma Iroobitti haleellaa baldhinaa qabuu taasisaa jiru.

Waraanii mootummaa Ertiraa karaa Zaala Anbasa, Tsoraanaa, Raamaa, Addi Awwaalaa, Hiret, Maayi-Kuhiil, Maay-Hutsaa fi Zibaan Gedena jedhamaniin haleellaa isaa kan jalqaee jira; waraanii mootummaa Itiyoophiyaa fi hidhattoonni Mootummaa naannoo Amaraa karaa Tsalamti fi Maay-Kuhiil jedhamanuun haleellaa raawachaa jiru, jedha Wiirtuun Ajajaa Humnoota Tigraay ibsa baaseen.

Haleellaan qindoominaan raawwachaa jiru kun “Saba Tigraay jilbeenfachiisuudhaaf” kan jedhe ibsi Komaandi poosti humnoota Tigraay, humnoonni isaa chichoominaan akka humnoota kana of irraa ittisaa jiru ibsee jira.

Ibsaa kana irratii mootummaa Itiyoophiyaas mootummaa Eritraas irraa deebiin battalatti kenname amma oduun kun qopphaa’eetti hin jiru.

Sambata dabree kana mootummaan kaanaadaa, Ertraan humnootii waraanaa sossosaa akka jiru kunis Tigraay keessatti wal waraansii waan itti fufeef ta’u beeksisee ture. Ministeerrii odeeffannoo kan Ertraa Yemaane Gabra masqal dhuma torban dabree irra biyyi isaanii waraana eeggataa qabdu keessaa hanga tokko waamamuu ibsanii garu mootummaan Asmaraa guutummaan uummata hin sochoofne jedhanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG