Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Yakki Farra Namummaa Akka Gaggeeffamu Maluu Qorattonni Tokkummaa Mootummootaa Akeekkachisanii Jiru


Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti yakka farra namuummaa gaggeeffamaa jiru duuba mootummaa Itiyoophiyaatu jira jedhe kan amanan ta’u qorattonni Tokkummaa Mootummootaa kan ibsan yoo ta’u, iddoo sanatti walitti bu’iinsii itti fufuun immo daran yakki gara jabinaa ka biraan akka gaggeeffamuuf karaa bana jechuun akeekkachiisan.

Hayyonni mirga namoomaa kan Tokkummaa mootummootaa waa’ee Itiyoophiyaa qoratan kun gabaasa isaanii isa duraa keessatti, erga bara 2020 wal waraansii Tigraay kaabaa keessatti jalqabame kaasee qaamoota hundaan dhiittaan mirga namoomaa bal’inaan biyyatti keessatti gaggeeffamu isaaf ragaan jira jedhanii turan.

Komishinni bara dabree kaawunsilii mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaan hundeeffame fi hayyoota mirga namoomaa walaba 3 of keessaa qabu akka jedhutti, yeroo baayyee seera cabsuun wanni rawwataman kun yakka waraanaa fi yakka farra namummaa ta’u isaa amanuuf sababaa qabatamaa qabu .

Hayyonni sadeen haala hamaa Tigraay keessaa ibsuun, mootummaanis ta’e wal taatonni isaa uummanni miliyoona 6 ta’u Tigraay keessatti Intarneettii fi tajaajiila baankii dabalatee tajaajilawwan bu’uraa waggaa tokko caalaaf akka hin arganne gochuun, gargaarsii dhala namaa akka hin seenneef ugguurri ka’an, uummanni Tigraay keessaa kan harka 90 ta’u gargaarsa akkaan barbaachisaa ta’e akka eeggatan taasisan jedhu.

Mootummaan Federaalaa fi wal taatoonni isaa kan mootummooota bulchiinsa naannoo, gosa hundee godhachuun yakka farra namoomaa fi gocha gara jabinaa gaggeessuu isaaniif akkasumas gaggeessaa akka jiran amanuuf sababaalee ga’aatu jira jedha gabaasnii ba’e.

Beekaa hiraarsa guddaa ykn miidhaa qaamaa fi yaada sammuu geesisaa kana hin goonee jechuun gargaarsii namoomaa Tigraay akka hin senne danquu jedha gabaasnii ba’e.

Dura teessuun komishiina kanaa Kaari Betii Murungii ibsa baasaniin, rakkoon gargaarsa dhala namaa kan Tigraay keessaa sukanneessaa dha jedhan.Kunis hedduminna isaa fi yerooo hammamiif akka gaggeeffamee yeroo ilaalamu jedhan.Kun hin taanee jechuun haaluu fi tajaajiila bu’uraa kan akka nyaata, tajaajiila fayyaa fi gargaarsa namoomaa dhorkuu dabalatee uummata sivilii irratti dhiibbaa hamaa qaba.Kanaaf yakka farra namuummaa ta’u isaaf sababaa ga’aa qabna jedhan.

Moottummaan Federaalaa Beela akka meeshaa waraanaa tti gargaarama jennee amanuuf sababaa qabna jedhanii, mootummaan Tigraay keessatti battalumatti tajaajiila bu’uraa iddotti deebisee, gargaarsii dhala namaa akka seenuuf gaafatan. Humnootiin Tigraayis, dhorkaa tokko malee dhaabbatonni gargaarsii dhaala namaa dhorkaa tokko malee akka gaggeeffamu akka taasiisan jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG