Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhalattoota Tigraay Jireenya Irraa Buqqa’an Mirga Sochii Qaban Mootummaan Kabajuu Qaba: Komiishina Mirga Namoomaa Kan Itiyoophiyaa 


Dhalattoota Tigraay kanneen dhiyeenya kana mooraa “Jaree’ jedhamu kan godiina walloo kibbaa, bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa keessa turan gara waaltaa leenjii polisii fedeeraalaa Awaash jedhamu kan bulchiinsa naannoo Afaar keessa jiru tti geeffamanii kan ilaaleen qabiinsii mirgaa namoomaa isaanii ilaalchisee komiishinni mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa ibsa baasee jira.

Komishinni kun akka jedhtti, namoonni bulchiinsa naannoo Tigraay fi naannoo Amaaraa hanga tokko irra buqa’an kun, wal waraansii Itiyoophiyaa gama kaabaa eega ihaaraa tti fufee booda, gara mooraa Awaash kan Afaar keessaatti geeffaman.

Namoota jireenya isaanii irraa buqa’anii waaltaa leenjii polisii keessa jiran Kun,sochiif mirga qaban mootummaan akka kabajuu komishinichi gaafatee , namoota jireenya ofii irraa buqa’an kanneen 2800 ta’an seenee ilaaluuf aangawoota nageenyaan dhorkamuu ibsee jira.Angawoonni polisii kan Fedeeraalaa kana irratti deebii akka kennan gochuuf yaaliin ta’e hin milkoofne.

Gama kaaniin namoonni qe’e ofii irraa godaanan kuma soddomnii godiina walloo kaabaa Jaaraa keessatti walitti qabamanii turan keessaa irra hedduun isaanii gadhiisanii eega ba’anii booda, wal waraansii haaraan Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti jalqabamnaan deebi’anii jiru jechuun jaarmayaan gargaarsa dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa (OCHA) n beeksisee jira.

Mootummaa fi michoonni isaa kan gargaarsa dhala namaa nyaataa fi bishaan kokoolaataan fe’amee dhufu raabsuu itti fufee jira kan jedhe Ochaan, garu hanqiinni boba’aa fi carraas gamas seenuuf jiru daangeeffamuun hojii gargaarsa raabsuu daangeessuu ibse jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG