Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Mootummaa Somaaliyaa Lafa Al Shabaab Qabatee Ture Gadhiisisee Jedha


FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Somaaliyaa, Moqaadishoo, Ebla 27, 2022.
FAAYILII - Miseensota humna waraanaa Somaaliyaa, Moqaadishoo, Ebla 27, 2022.

Waraanni somaaliyaa dhuma torban dabreee irra tarkaanfii fudhateen hidhattoota Al-shabaab 100 caalaa ajjeesuun iddoo isaan to’atanii turan gadhiisisuu isaa ajajaan waraana somaaliyaa Wiixata kaleessaa beeksisanii jiru.

Namoonni ijaan argan akka jedhanti, waraanni mootummaa gandeen lama kan Al shabaab waggaa 10 caalaaf qabatee ture gadhiisisanii jiru. Dullii waraanaa kun Kutaa Hiraan waaltaa keessatti gaggeeffamu isaa bilbilaan kan RSAf ibsan ajajajonni waraanaa gameeyyiin wal waraansii hamaan gam lameen giddutti sambata dabree kan jalqabamee ta’u fi kunis keessumaa gandeen Aboorey fi Yaasooman keessatti ta’u dubbatu.

Hidhattonni Al-shabaab torbaatamni Yaasooman keessatti wal waraansa ta’een soddomni immo naannoo Aboorey ti ajjeefamuu ibsanii jiru.

Duraan bulchaa Hiraan kan turan Abdifattaah Hassan Afrazh akka jedhanti, waraanni mootummaa dinoota ummata somaaliyaa kan ta’e Al shabaab injiifatan jechuun dubbatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG