Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niiw Yoork Gumii Sadarkaa Addunyaa Keessummeessaa Jirti


Niiw Yoork Gumii Sadarkaa Addunyaa Keessummeessaa Jirti
Niiw Yoork Gumii Sadarkaa Addunyaa Keessummeessaa Jirti

Gumiin walii galaa kan Tokkummaa mootummootaa har’a magaala Niiw Yoork keessatti jalqabamee jira. Biyyoota 193 kan bakka bu’an hogganoonnii fi aangawoonni sadarkaa olaanaa irratti argamuun, rakkoo addunyaa mudatee fi haala yeroo kanneen biroo irratti torban tokkoof mari’achuuf jiru.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baaydiin Robii borii gumii walii galaa kana irratti haasawaa dhageesisuuf kan jiran yoo ta’u, Amerikaan addunyaa irratti ar nyaataa argamsisuuf yaalii goote akkasumas, addunyaa irraa dhukkuuba Edsii fi dhukkuuboota ka biroo bifa weeraraan mudataniif maallaqa addunyaa biraa barbaadamu garu aankaaknaan Amerikaan guutuuf yaalii biyyi isaanii goote irratti dubbachuuf jiru.

Tokkummaa mootummootaatti Ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis Lindaa Toomaas Griinfild jimaata dabree akka jedhanti, hogganoonni addunyaa waa’ee Yukreeen callinsaan hin ilaaluu, ta’uus walgahichii dhimma Kana qofa irratti dubbata jechuu miti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG