Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Beela Hamaatu Eeggataa Jira: UN 


FAYILII - Namoota sababa ongeetin qehee irraa buqahanii qarqaarsa nyaataa fudhachuuf hiriiran, Somaaliyaa, Guraandhala 25, 2017
FAYILII - Namoota sababa ongeetin qehee irraa buqahanii qarqaarsa nyaataa fudhachuuf hiriiran, Somaaliyaa, Guraandhala 25, 2017

Somaaliyaan waggaa 11 keessatti beelli marsaa lammataa ishee mudachuufkan jiru ta’uun ibsamee jira. Kunis waggoota 40 keessatti caama hamaa mudateen erga waggaa lamaa as roobnii dhabamee omishinii facaafamee karaatti hambisee beeleedaalees eega fixee booda.

Abdiin Robaaf jiru marsaa 5ffaaf dhabamee yeroo jiru kanatti, lubbuu ummataa baraarsuuf yeroon gagaabbataaa kka jiru baatii kana keessa kan akeekkachiis kenname yoo ta’u, arjoomtoonni gargaarsa kaayyoo kanaaf oluu dablataan akka kennan gaafate.

Tokkummaa mootummootaa tti aangawaan gargaasa dhala namaa kan ta’an Martiin Griifiz akka jedhanti, haallii amma jiru beela isa bara 2011 mudatee uummata 260.000 galaafate sana caala.kanneen yeroo sana dhuman keessaa walakkaa caalaan ijoollee umriin isaanii waggaa 6 gadii turan.

Sababaa duula waraanaa Yukreen keessatti gaggeeffamuun kan ka’e, gargaarsii suuta gara Somaaliyaatti tirataa jiru kun, gatii geejiba ittiin ergamee fi gargaarsii hatattamaa gatiin akka dabaluu taasisee jira.

Namoonni hedduun gargaarsii ergame kun keessumaa ijoolleef erga yeroon dabree booda dhaqqaba sodaa jedhu qabu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG