Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis Kan Gaanfa Afriikaa Eertraan Dhimma Keessoo Itiyoophiyaa Keessa Seenuu Dhaabuu Qabdi Jedhan


Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis Kan Gaanfa Afriikaa Eertraan Dhimma Keessoo Itiyoophiyaa Keessa Seenuu Dhaabuu Qabdi Jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:09 0:00

Jilli Addaa Yunaayitid Isteetis Kan Gaanfa Afriikaa Eertraan Dhimma Keessoo Itiyoophiyaa Keessa Seenuu Dhaabuu Qabdi Jedhan

Eertraan loltoota ishee eeggataa walitti qabdee bobbaasaa jirti gabaasi jedhu lola naannoo Tigraay keessatti deebisee ka’e daran hammeessuu danda’a yaaddoo jedhu uumee jira.

Dubbi himaan TPLF fuula Tweetera isaanii irratti akka barreessanitti humnoonni Eertraa Humnoota naannoo Amaaraa fi Affaari irraa dhufan gargaaramuu dhaan naannoo Tigraay hanga tokko keessatti haleellaa hamaa raawwataniiru jedhan. Gabaasaa Mohammed Yusuf Naayiroobii irraa ergee fi ibsa Embaasiin Yunaayitid Iteetis Fininnee dhaa baase irraa walitti qindeessuu dhaan dhiheessina

Obbo Geetaachoo Reddaa akka jedhanitti humnoonni TPLF diina of irraa qolachaa jiru jedhan. wa’ee haleellaa raawwatamee angawoota Eertraa fi Itiyoophiyaa irraa ibsi kenname hin jiru.

Jilli Yunaayitid Isteetis kan gaanfa Afriikaa Maayik Hamer baatii Waxabajjii darbe erga muudamanii booda dawwannaa isaanii Itiyoophiyaatti geggeessan sadaffaa torban darbe xumuran. Hamer Kibxata kaleessaa ibsa gaazixeessotaaf kennaniin, Eerraan dhimma keessoo kan biyya hollaa ishee jidduu seenuu dhaabuu qabdi jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG