Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeeriyaa Keessatti Rakkoo Nageenyaan Manneen  Baruumsaa 600 Banamuu Hanqatan  


FAAYILII - Ijoollee mana barumsaa keessatti kompitara barahaa jiran, Naayjeeriyaa, Guraandhala 18, 2022
FAAYILII - Ijoollee mana barumsaa keessatti kompitara barahaa jiran, Naayjeeriyaa, Guraandhala 18, 2022

Naayjeriyaa keessatti yeroo barattoonni mana barnootaatti deebi’aa jiran kanatti sababa nageenyaatin kan ka’ee mannoottan barnootaa 600 ol ta’an cufamanii jiraachuu isaanii haanga’oonii biyyatti ibsanii jiruu .

Timootii Obi’ezu kutaa biyaa Naayjeriyaa Kaadunaa irraa akka VOA dhaaf gabaasetti gareewwaan hidhatan ijjoollewwan umannan butanii fudhachuudhaan waan maallaqa guddaa gaafatanuuf maatiiwwan ijoolle isaanii nama baruumsaatti erguu hin dandeenye.

Keessumaa kaaba Naayjeriyaa keessatti hidhattoonni nammoottan butanii fudhachuudhaan allatti waan qabeenyaa jiraattotaa saamanii fi barbadeesaniif maatiiwwaan ijoollee isaanii bakka biraatti geesaanii barsiifachuu akka hin dandeenyee himaniiru.

Dhaabbata mootummota gamtoomanitti dhaabbanii, barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ykn UNESCOn akka gabaasetti yeroo ammaa ijoollewwan Naayjeeriyaa miiliyoonii 20 ol ta’an mana baruumsaatii ala jiru.

Kunis, gabaasaa Ji’a Caamsaa darbeen Yemmuu wal bira qabamee ilaalamuu miiliyoonii lamaan dabalee jiraa. Haa ta’uu malee haanga’oonni biyyatti lakkoofsii UNESCO kun barattootaa karaa idilee hin taaneen barachaa jiran wan hin hubannedha jechuudhaan hin fudhatanu.

Torban darbee kutaa Naayjeeriyaa Kajuru keessatti hidhattoonni amantootaa hedduu butaan gad lakkisuudhaaf qarshii doolaara kuma 400 fi kuma 50 gafatanii jiru. Haanga’oonni mootummaa Naayjeriyaa hidhatootaa kana irratti haleellaa xiyyaaraa waraanaatiin deggerame taasisuudhaan dhiheenyaa kana shakkamtootaa 200 ta’an ajeesuu isaanii akka ibsanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG