Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Raashaa Waraanaa Idilee Hin Taaneef Waamichaa Dhiheesse 


Pirezdaant Viladimer Putiin Moosikoo irraa haasaha oggaa godhan, Fulbaana 21, 2022

Waraanni Yuukreen kaaba biyyatti keessatii laffa waraana Raashaatiin jalaa qabamee ture deebiisee fudhachaa jiraachuun isaa yemmuu gabaasamaa jiruu kannatti, prezidaantiin Raashaa Vilaadimiir Putiin Roobii har’aa ibsaa kennaniin umnii waraanaa idilee hin taane gamtokkeen isaa akka garaa waraannaatii socho’u beekisisanii jiru.

Ministirrii Ittisaa mootummaa Raashaa Sergee Shoo’iguu waranaa idilee hin tanee kumaa 300 waamuudhaaf akka barbaadan erga ibsanii boodaa kan haasaa taasisan Prezidaantiin Biyyatii “ birmadummaa biyya keenyaa fi daangawwan wallaba ta’an eeguudhaaf yaadaa ministeera Ittisaatiif Jeeneraalootaa nan degeraa” jedhanii jiru.

Lola erga jalqabamee Ji’a torbaa lakkoofsise Kanaan waraanii Raashaa Kutaalee biyya Yuukreen Luhaaniskii fi Doonetsikiin guutumaatii qabachuun isaanii kan beekamuu yemuu ta’uu, hoggantoonii garee kutaalee biyyaa kana lamman Yuukreen irraa fotroqsuu barbaadanii akka jedhanitii kutaalee lamman keessatii sagaleen hiree ofii ofiin murteeffachuu ykn Riferendamiin akka kennamu ibsaanii jiru. Jiraattonni Kutaalee lamman Afaan Raashaa dubbatan kun Raashaa ti makamuu irratti sagalee kennuu danda’uu tilmaamni jedhu jiraachuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG