Prezidaantiin Amerikaa Joo Baayidan Robii har’a Yaa'ii Walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa isa Niiw Yoork keessatti gaggeeffamu irratti haasaa taasisaniin, wabii nyaataa kan addunyaa jabeessuuf, maallaqa dhukkuuba Edsii fi weerara dhukkuboota biroo addunyaa irraa ittisuuf baaftuu akkasumas dhimmoota caasaa dhiyeessii akkasumas rakkoo jijjirama qilleensaa furuuf Amerikaan waan gumaachiite irratti ibsa kennan.
Gama kaaniin, Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Blinken gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa cinatti, walgahii waa’ee wabii nyaataa irratti dubbatuuf gargaaraa keessummeessaa ta’uun gaggeessanii jiru.
Forum