Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni ‘Boko Haraam” Lammiilee Naayjeeriyaa fi Niijer 11 Ajjesan


Faayilii-Bokoo Haraam
Faayilii-Bokoo Haraam

Gareen hidhattootaa lixaa Afrikaa keessaa socho’uu fi Bokkaa Haraam jedhamee beekamuu qonnaan bultootaa lammii Naayjeriyaa fi Niijer ta’an 11 ajjeesuu isaa dhaabanii Oduu Ajaans Fraans Prees/AFP gebaasee jira.

Ajjeechaa kibba bahaa Niijer keessatti raawwate Kanaan lammiileen Niijeer Sagal fi lammiilen Naayjeeriraa 2 ajjeefamuu isaanii hangaa’oonii beeksisanii jiruu. Naannoo biyyoottan Afrikaa Afur Kaameeruun, chaad, Niijer fi Naayjeriyaan daangaa qooddatanitti , qarqara haroo chaad irraatti kan maandhefatee gareen Bokkaa Haraam naannoo inni keessaa socho’utii jiraatoonii bosonaa seenanii akka mukaa hin murree ,haroowwanii fi lagawwaan keessaa akka qurxummii hin qabanne dhorkuu isaa haanga’onni naanichaa ibsaniiruu.

Namoottan dheegada ajjeefaman ittuu bosonaa keessaa muka muraa jiranuu akka ta’e kan ibsaan haanga’onii naanichaa, hidhattoonii kun ji’oottan darban keessaa namoottan qurxummii qabuu irratii bobbaa’an hedduu ajjeesuu isaanii akka dubbatan AFPn gabaaseeraa.

Biyyi Niijeer baraa 2012 jalqabee karaa daangaa kaabaatin garee Islaamik Steet jedhamu biyya Maalii keessaa maandheffatee wajjin, daangaa Naayjeriyaa waliin qabduu irratti immoo garee Bokkaa Haraam wajjin lola keeessa akka jirtuu ni beekama.

Biyyootan lixa Afrikaa Afur Niijer, Naayjereiyaa, Kaameruun fi Chaad bara 2015n kaasee umnaa waraanaa qindoomee hundeessuudhaan gareewaan hidhattootaa kanaa wajjin lola irra akka jiran gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG