Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministeeronni Gamtaa Awurooppaa “Gargaarsaa Dabalataa Yukreeniif Kennuu Qabna” Jedhan  


European Union foreign policy chief Josep Borrell
European Union foreign policy chief Josep Borrell

Erga Prezidaantiin Raashaa Viladimiir Puutin umna waraanaa idilee hin taanee kuma 300 akka waaman beeksisanii booda ministeeroonni dhimmaa alaa boyyootan gamtaa Awurooppaa akkaataa waraanaa Yuukreeniif gargaarsa dabalataa kennuun danada’amuu irratti marii taasisanii jiru.

Itti gaafatamaan dhimmaa imaammata alaa gamtaa Awurooppaa Joseef Booreel Roobii kaleessaa galgala bakkaa yaa’iin mootummoota gamtoomanii itti tasifamaa jiru Niwu Yoork Keessaatti oduu gabaastotaaf ibsa kennanii jiru. Joseef Booreel ibsaa isaanii kana keessatti, menisteeronni dhimmaa alaa biyoottan Awurooppaa akkaataa meeshaa waraanaatiin yuukreeniin gargaaruu danda’anuu fi qoqqobii diinagdee haaraa Raashaa irra kaa’uu danda’an irratti maryachuu isaanii ibsani jitu.

Waamichaa mootummaan Raashaa umna waraanaa idilee hin taaneef taasise akka qophii weerara haaraa Yuukreen irratti taasifamuuf ta’eetti kan fudhatan Joseef Booreel “biyyii Yuukreen akka walabummaa ishee fi birmadummaa daagaa isheetiif falmachuu dandeesuutti waan dandeenyee hundaanuu biraa dhaabachuu qabna” jechuun isaanii gabaasameeraa.

Gareen biyyootaan lixaa Rashaa dadhabsiisuudhaa fi barbadeesuudhaaf sarara hundaa darbaa akka jiran kan dubbatan Prezidaantin Raashaa Vilaadimiir Putiin, biyya isaanii fi ummata isaanii badinsa irraa baraaruudhaaf tarkaanfii barbaachisaa ta’e kamiinuu fudhachuu akka danda’n dhaadhatani jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG