Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Iteetsis Yaa’ii Tokummaa Mootummootaa Irratti Prezidaantii Raashiyaa Jabeessanii Balaalefatan  


UN General Assembly Biden
UN General Assembly Biden

Yaa’ii dhaabbataa mootummoota gamtoomanii marsaa 77ffaa irraatti haasaa kan godhan Prezidaantiin Yunaayitid isteets Joo Baayiden irra caalaan xiyyeeffanaa isaanii mootummaa Raashaa balaaleffachuu irrati akka ta’ee beekamee jira.

Baayiden haasaa waa’ee Raashaa irratti taasisaniin Prezidaantiin Raashaa Viladimiir Putiin walwaraansichaa babaldhisaa deemuu isaanii fi meeshaa nuukleeraa fayyadamanii haaloo bahu akka danda’an dubbachuu isaanii tuquudhaan qeeqanii jiru. Prezidaant Baayiden Itti dabaluudhaans,

“Ifatti haa dubbannu. Mana mare nageenyaa mootummoota gamtoomaniitti miseensaa dhaabataa biyyi ta’ee olla isaa weeraree, kaartaa adduunyaa irraa baleesuudhaaf yaalaa jira.” Jedahnii jiru.

Kutaalee yuukreeniin jala turaniif yeroo amma Raashaadhaan qabamanii jiran lamma Luhaaniski fi Dooneski keessatti sochii sagaleedhaan hiree ofii ofiin murteessuu ( rifireendemii) gochuun “waan leeyyaasisaadha”jechudhaan prezidaant Baayiden ibsanii jiru.

Prezidaant Baayiden haasaa isaanii kana keessatti, waa’ee biyyoottan Afrikaa fi Laatiin Amerikaa akkasaumas Kaariibiyaa mana maree nageenyaa mootumootaa gamtomanii keessaatti teessoo argachuu danda’uu irratti, waa’ee wabii midhaan nyaataa, akkasumas wa’ee dhukuba EDSI, dhukuba sombaa fi Busaa ittisuu danda’amu irratti haasaa taasisuun isaanii fi gargaarsaa yunaayitid Isteets wabii midhaan Nyaataa mirkaneesuudhaaf gochaa jirtu irratti ibsaa kennuun isaanii beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG