Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Samii Irraan Geggeessame Tigraay Keessaa Nama Tokko Galaafachuun Ibsame


FAAYILII - Maqalee bakka haleellaan samii irraa itti geggeefamuun himame
FAAYILII - Maqalee bakka haleellaan samii irraa itti geggeefamuun himame

Haleellaan qilleensa irraan jimaata har’aa Tigraay irratti geggeessame lubbuu nama tokkoo galaafachuu hospitaalli guddichi naannoo sanaa beeksisee jira. Baatii tokkoo fi humnoota deggertoota mootummaa fi loltoota TPLF gidduutti walitti bu’iinsi deebi’ee uumamuu isaa AFPn gabaaseera.

Hagayya 24 gara lolaatti deebi'uun adeemsa araaraaa Bitootessa keessa ture kan cabse yoo ta'u, waraanni mootummaa muummicha ministeeraa Abiy Ahimadiifi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gara waggaa lamaaf geggeessame karaa nagaan hiikuuf abdii ture dhabamsiise.

Angawoonni Tigraay ji'a kana keessa marii mootummaa Abiy waliin taasifamuuf gufuu ijoo ta'e buqqisuun, marii jaarsummaa Gamtaa Afrikaatiin taasifamu irratti hirmaachuuf qophii ta'uu isaanii beeksisanii turan.

Garuu lolli erga haleellaan qilleensa irraan naannoo kaabaa rukutee, michuu Itiyoophiyaa Eertiraan ammoo daangaa ce'uun gara.lola diina ishee durii TPLF irratti godhamutti makamtee hammaate.

"Har'a ganama naannoo sa'aatii11:30tti haleellaan diroonii raawwatameera. Maanguddoon waggaa60 tokko ajjeefaman jechuun angawaan olaanaa hospitaala riferaalee Ayder Kibrom Gebreselassie ergaa AFP'f dabarsaniin beeksisaniiru.

Waraanni Deebi’ee Ka’e Akka Dhaabatu Gumiin Dhimma Amantii Tigaay Gaafate

Gumiin dhimma amantii kan naannoo Tigraay dhiyeenya waraana Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti deebi’ee ka’etti aansuu dhaan lolli akka dhaabatu waamicha dabarsee jira. Gumichi ibsa baaseen waraanni kun bakkaawwan amantii, hambaassan seenaa mancaasee lubbuu galaafataa jira jedheera.

Haaluma wal fakkaatun miseensonni hawaasa sivikii Tigraay 80 ol ta’an ba’ii suukaneessaa waraanni kun qabaate tuquu dhaan waraanni kun akka dhaabatu gareelee wal fincilanii fi hawaasa addunyaaf waamicha dabarsaniiru.

Misensota hawaasa siivikii naannolee Itiyoophiyaa kanneen biroo k ka birootiin waamicha darbe irra deebi’an jechuu dhaan Mulugeetaa Atsbehaa Meqelee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG