Xurree ittiin seenan

Breaking News

Booying Xayyaara 737 MAX Jedhamu Ilaalchisee Ragaa Dogoggorsaa Kenne Jechuun Doolaara Miliyoona 200 Adabame


FAAYILII - Sadaasa bara 2019 xayyaara daandii balalii Itiyoopiyaa irra balaa ga’hee turee sirna yaadannoo namoota balaa saniin llubbun darbee, Bishooftuu
FAAYILII - Sadaasa bara 2019 xayyaara daandii balalii Itiyoopiyaa irra balaa ga’hee turee sirna yaadannoo namoota balaa saniin llubbun darbee, Bishooftuu

Kampaniin aviyeeshinii guddichi waa’ee nageenya xayyaara 737 MAX jedhamu ilaalchisee ragaa dogoggorsaa kenne iraan kan ka’e angawoonni naga eegumsaa yunaayitid Isteetis Booyingiin doolaara miliyoona $200 akka adabamu murteessee jira. Booyingiin seera nageenyaa Yunaayitid Isteetis kan farra seera faallessuu maal na dhibdee dhaan cabse jechuun himannaa irratti dhiyaate furuuf adaba itti murame simateera jechuu dhaan komiishinni nageenyaa ibsa baaseen beeksisee, kampanichii fi hoogganni isaa lubbuu namaa irra bu’aa argachuu filatan jedhee jira.

Itti gaafatamaa gameessi duraanii kan Booying Deenis Muilenberg himannaa dhiyaatee furuuf doolaara miliyoona $1 baasuuf walii galaniiru.

Onkoloolessa bara 2018 xayyaara Indooneeshiyaa fi Sadaasa bara 2019 xayyaara daandii balalii Itiyoopiyaa irra ga’etti aansee aansee ti dhimma xayyaara MAX jedhamuutiin adabi kun Booyingii irra kan kaa’ame. Balaan xayyaaraa dhaqqabe lamaan lubbuu 350 galaafate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG