Yeroo wal-waraansaa fi sababaa sanaan buqq’insaa fi godaansa uumamu keessatti miidhaan dhaqqabu kan qaamaa qofa miti. Dhimma kana irratti kan Jaallanneen Finfinnee irraa dubbiste hayyuun dhimma fayyaa xiin-sammuu Dr. Dirribaa Waaqjiraa, miidhaalee yeroo akkasii uumaman guguddoo keessaa tokko miidhaa yokaan dhukkubbii sammuu tahuu dubbatan.Yeroo akkanaatti kan irra-caalaa miidhamu dubartootaa fi ijoollee akka tahes hubachiisanii, dhibeen kun akka xiyyeeffannaa argachuu qabu eeran.
Walwaraansaa fi Godaansi Muddama Sammuu Hordoofsiisa
- Jaalannee Gammadaa
Forum