Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Samii Irraan Somaaliyaa Keessatti Geggeessame Finxaaleyyii Al-Shabaab 27 Galaafachuu Yunaayitid Isteetis Beeksiste


Waraanni Yunaayitid Isteetis Roobii darbe akka jedhetti, haleellaa qilleensa irraan naannoo Somaaliyaa giddu galeessa Hiraan bakka waraanni fi humnoonni michuu isaanii ji’a darbe keessa finciltoota irratti haleellaa jalqaban keessatti raawwateen loltoota 27 garee hidhattoota al-Shabab irraa ajjeesuu isaanii ibseera.

Ameerikaan Somaaliyaa keessatti haleellaa qilleensa irraanii hidhata al-Qaayidaa kan qabu al-Shabab irratti waggootaaf gaggeessaa turte. Haleellaan qilleensa irraan Dilbata darbe raawwatame kun bara 2022tti kan galmaa’e isa 6ffaa ta’uu marsariitiin waaltaa Ajaja Afrikaa kan Ameerikaa (AFRICOM) gabaaseera.

Naannoo Hiraan irraa jiraattonni akka jedhanitti, al-Shabab manneen gubuu, boolla bishaanii barbadeessuu fi lammiilee nagaa ajjeesuu, gogiinsa waggoota 40 keessatti hamaa ta’e gidduutti gaaffii dilaala waliin walqabatee, namoonni naannoo sanaa humnoota jajjabee ijaaruun cina isaa dhaabatee mootummaa akka lolan dirqisiisaa jira jedhan.

Somaaliyaan erga bara 1991 finciltoonni gosa irratti hundaa’an mootummaa Abbaa irree aangoo irraa fonqolchanii walii walii isaaniitti gargarlanii qabee wal waraansa keessa jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG