Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti Haleellaa xayyaara nam-maleeyiin gaggeeffamee caccabaan darbatee kokoolaataa gargaarsa fe’e jalaa rukutuu isaa dubbii himaan dhaabata sagantaa nyaata addunyaa wiixata har’a beeksisanii jiru.
Sagantaan nyaata addunyaa dhaabata Tokkummaa Mootummootaa yoo ta’u Tigraay keessatti walittibu’iinsa waggaa lama guutuuf jedhuuf gaggeeffamee lubbuu namoota kuma hedduu galaafatee miliyoona hedduu immo eeggattoota gargaarsaa taasisee sana keessatti gargaarsa dhala namaa qindeessaa jira.
Haleellaa xayyaara Nam- Maleeyyii kun, Tigraay keessa aanaa Zanaa cinatti gaggeeffamuu isaa gabaasnii nu dhaqqabeera kan jedhu sagantaan nyaata addunyaa, kunis Fuulbaana 25 ganama akka ta’e dubbii himaan jaarmayichaa dhaamsa barreeffamaa Roytarsiif erganiin ibsanii jiru.
Haleellaa gaggeeffamee wanni caccaban darbatamaa ture shofeera kokolaataa kan kontraataan dhaabtichaaf hojjataa ture madeessee, konkolaataa gargaarsa fe’e sana irra midhaa salphaa geesisee jira jedha dubbii himaan kun.
Kokolaataan kun namoota achuuma Tigraay keessatti manaa fi qe’e ofii irraa godaanaiif nyaata raabsaa kan ture yoo ta’u, iddoo sanatti baatii dabree wal waraansii itti fufuun ni yaadatama.
Hojjattonni gargaarsa dhala namaa lama kanneen Tigraay keessaa, haallii kun uumamuu isaa kan mirkaneessan yoo ta’u, kokoolaataa midhamee suuraa isaa qoodanii jiru.
Kana irratti deebii akka kennan kan gaafataman dubbii himaan mootummaa Ityoophiyaa Laggasa Tulluu, dubbii himaan waraanaa Koloneel Geetnet Adaanee, akkasumas dubbii himtuun waajiira mummicha ministeeraa Bileenee Siyyuum gaaffii dhiyaateef deebii hin laanne jechuun Roytars gabaasee jira.
Forum