Xurree ittiin seenan

Breaking News

Moqadishoo Keessatti Of Wareegaan Balaa Geesisee


FAAYILII - Hoteela Hayaat haleellame fundura, Somaaliyaa, Hagayya 21, 2022.
FAAYILII - Hoteela Hayaat haleellame fundura, Somaaliyaa, Hagayya 21, 2022.

Somaaliyaa keessatti Dilbata kaleessaa of wareegaan tokko maadhee waraanaa magaala Moqdishoo dhiyaa keessatti balaa geesiseen, yoo xiqqaate looltuun tokko ajjeefamee kanneen biroon 6 madaa’uu, looltuun tokko fi hojjatonni hospitaala keessaa dhaabbata oduu Roytarsiif ibsanii jiru.

Al-qaaidaatti hidhata qabu Al-shaaba balaa bombii kanaaf itti gaafatama fudhatee jira.Of wareegaan kun looltuu of keessuun isaan waliin hiriiree gara mooraa waraanaa tti Dilbata kana eega seenee booda, balaa kana geesisee jedhan looltuu mooraa waraanaa Sanaa kan ta’an Kaapiteen Adan Omaar jedhaman Roytarsiif ibsan.

Hospitaala Madinaa kan Magaala Moqadishoo keessaa Narsiin hojjattu Roytarsiif akka ibsiiteetti, looltuu du’e tokkoo fi kanneen biroo mada’an 6 gara isaanti fidamanii jiran.

Al shabaab garu looltoota 32 ajjeefne jedhe. Of wareegaan Mujahid har’a looltoota 32 ajjeesee kanneen biroo 40 maadhee waraaanaa Moqadishoo keessatti madeessuu isaa Raadiyoon Al Andalus jedhamu kan garee Sanaa ta’e har’a beeksisee jira.Kanas dubbii himaa duula waraanagaree kanaa Abdiasis Abu Musaan maqaa dhahuun gabaae.

Abu Musaab akka jedhanti, maadheen waraanaa sun lafa looltoota itti funaannatan waan ta’eef irratti qiyyaafanne jedhan.

Gareen kun dhiyeenya kana kaasee walitti fufiinsaan somaaliyaa fi iddoo biraattis haleellaa bombii fi kan qawwee gaggeessaa jira.Al shabaab mootummaa somaaliyaa waaltaa aangoo irraa darbuun akka seera shariyaatti bulchiinsa ofii gaggeessuu barbaada.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG