Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nukleera Gargaaramuu Yaadii Jedhu Dhaabachuu Qaba: Bliinkan 


FAAYILII - Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliikan Yaa'ii Mootummoota Gatoomanii irratti haasaha yeroo godhan, Fulbaana 20, 2022
FAAYILII - Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliikan Yaa'ii Mootummoota Gatoomanii irratti haasaha yeroo godhan, Fulbaana 20, 2022

Prezidaantiin Raashaa Vlaadmiir Putiin abba biyyummaa biyya isaanii kabajsisuuf waan jiru mara nan gargaarama jechuun ibsa eega baasanii booda, Ministeerri haajaa alaa Amerikaa Antonii Bliikan immo,

Raashaan meeeshaa Nukleeraa walitti bu’iinsa Yukreen keessaaf gargaaramuuf wanni jechaa jirtu kana dhaabuu qabdi jedhan.Kanas Yunaaytid Isteetis ifattis ta’e dhunfaan Raashaaf ifa taasiftee jirti jedhan.

Waan daafoon kanaa hordoofsisuuf deemu Raashaan nu irraa dhaga’uu qabdi, nu irraas baruun akkaan barbaachisaa dha kan jedhan Bliinkan kanas haala daran ifa ta’een ibsinee jirra jechuun Televiziyoona sii bii es(CBS) wakiin Dilbata kaleessaa galgala gaaffii fi deebii gaggeessan Bliinkan dubbatan.

Meeshaa Nukleeraa gargaaramuun biyya itti gargaaramteef daafoo hamaa qaba biyyoota kanneen biroo hedduufis jedhan Bliinkan.

Torban dabree putiin waraana biyyatti eeggataa turan kuma 300f waamicha dhiyeessuun duula baatii 7 itti fufee jiru akka gargaaran gaafachuu fi meeshaa Nukleeraa gargaaramuu malla jechuu isaanii booda deebiin Amerikaa kun dhaga’ame.

Wraanni Raashaa duubatti deebi’uun Humnootiin Yukreen biyyatto Kaaba bahaa keessatti lafa Raashaan qabattee turte, deebisanii eega to’atanii booda, Putiin waraana isaaniif waamicha dhiyeessan.

Ministriin ittisaa kan Briteen wiixata har’a akka jedhutti, looltonni waamichii dhiyaateef maadheelee waraanaa dhaqqabii jalqabanii jiru. Garu Raashaan waraana kanaaf leenjii kennuuf, rakkoo bulchiinsaa fi loojastikaa qabdi jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG