Shamarreen Iraan Masha Amini to’annaa polisii Tehraan jala ituu jirtuu du’u ishee mormuun, lammiwwan biyyatti guyyoota walitti aanan 9ffaaf Dilbata kaleessaa galgalas daandilee irratti hiriiruun mormii dhageesisaa jiru.
Mormitoonni kanneen biroon deggersa dubartoota Iraaniif qaban ibsuun, magaalaoota akka Ateens, Berliin, Braasas, Istaanbul, Madrid, Niiw York fi paaris akkasumas iddoo biraatti hiriiranii jiru.
Mormiin kun jalqaba Fulbaana 17 kan umriin ishee 22 ta’e dubartiin Kurdootaa Aminiin sirni awwaalcha ishee yeroo gaggeeffameetti yoo ta’u, kunis polisiin eega qabamtee guyyaa tokko dursee hidhaa keessatti eega duutee booda.Hijaaba aguuggachuu diddee seera jabaa jiru cabsitee jedhamuun Fulbaana 13 to’annaa jala oolte.
Maatiin ishee konkolaataa polisii keessatti reebicha irra ga’een sammuun ishee miidhame himannaa jedhu dhiyeessu.Polisiin garu himannaa kana soba jedhe. Kan isheen duuteef rakkoo onnee ishee mudateen hospitaala eega geeffamtee booda jedha.
Mormii gaggeeffamaa jiru Kanaan namnii 41 ajjeefamuu Televiziyoonni mootummaa Iraan gabaasee jira.
Forum