Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawaan Ertraa Yaa'ii Tokkummaa Mootummootaa Irratti Haasawaa Dhageesisan


 Ministeerrii dantaa alaa Ertraa Obbo Osmaan Saaleeh Yaa’ii walii galaa Tokkummaa Mootummootaa 77ffaa irratti, Fulbaana 26, 2022
Ministeerrii dantaa alaa Ertraa Obbo Osmaan Saaleeh Yaa’ii walii galaa Tokkummaa Mootummootaa 77ffaa irratti, Fulbaana 26, 2022

Gufannaa gurguddaa addunyaa mudateef sabaan sirna addunyaa addunyaa kan gam tokkoof loogee fi waggoota soddoma caalaaf ture fashaluu akka t’e Ertraan beeksiftee jirti. Ministeerrii dantaa alaa Ertraa Obbo Osmaan Saaleeh yaa’ii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa isa 77ffaa irratti haasawaa dhageesisaniin weerarrii dhukkuuba KOOVID-19 jijjirama qilleensaa fi addunyaa irratti ho’ii dabalaa adeemuun walitti bu’iinsii irra deddebi’uun gaggeeffaman qormaata addunyaa mudatan jechuun tarreessan.

Sirni addunyaa gam tokkootti caalchiifate kanneen wiixinaniin bu’aa isaanii eeguun kanneen biroo alatti waan qabaniif jecha midhaa dhaqqabsisee jedhan Osmaan Saaleeh.Haala haqa qabeessa hin taanee Kanaan biyyi isaanii ugguura seeraan alaaf saaxilamuu ishee, humnootiin bitamoo ta’aniin tasgabiin akka hin jiraanne fi walitti bu’iinsii akka uumamuu yaalamuu isaa, mirga namoomaa akka meeshaatti gargaaramuun Ertraa addunyaa hafee irraa adda baasuu akkasumas kophaatti hambisuun gaggeeffameera jedhan.

Haala jiru foyyeessuuf biyyonni miseensa Tokkummaa Mootummootaa ta’an waliigaltee tolfatan irratti hundaa’uun miseensoonni hirmaannaa guutuu fi walqixxee ta’e akka qabaataniif sirna haaraan diriirfamuu qaba jedhan.

Bakka bu’ummaan haqaa, qaama murtii kennan keessa jiraachu isaaf wabii kennuun gara hojitti jijjiramuu akka qabu itti yaadamuu qaba jechuun ministeerrii dantaa alaa Ertraa Osmaan Saaleeh haasawaa isaanii xumuranii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG