Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Itiyooophiyaa Keessaa Akka Dhaabatu Yunaayitid Isteetis Tattaaffi Ishee Kan Itti Fuftu Ta’uun Ibsame


FAAYIILII - Dubbi himaan ministrii dhimma alaa  kan Yunaayitid Isteetis Ned Prayis, Bitootessa 10, 2022
FAAYIILII - Dubbi himaan ministrii dhimma alaa  kan Yunaayitid Isteetis Ned Prayis, Bitootessa 10, 2022

Dubbi himaan ministrii dhimma alaa kan Yunaayitid Isteetis Ned Prayis, nuti gama keenyaan Gamtaan Afriikaas jeequmsa dhaabuuf tattaaffii diplomaasummaa isaatti akka milkaa’u waan dandeenye gochaa jirra, kunis kutaalee Itiyoopohiyaa gama kaabaaf gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu akkasumas uummata Itiyoophiyaa maraaf carraa kenna jechuu dhaan kaleessa gaazixeessotaaf ibsa kennaniin beeksisaniiru.

Dhiittaa mirga namaa walitti bu’iinsi kun dhaqqabsiise Yunaayitid Isteetis akkaan isee yaaddessa jedhan. Ergaan keenya salphaa ture kan jedhan Ned Price, Mootummaan Itiyooophiyaa fi angawoonni naannoo Tigraay haleellaa waraanaa hatattamaan dhaabanii hooggana gamtaa Afriikaa jalatte rakkoo jiru marii dhaan akka hiikan ture jedhan.

Gaaffii gaazixeessaa biraa dhiyaate kan Yunaayitid Isteetis maaliif TPLFn deggerti isa jedhuuf dubbi himaan kun ennaa deebisan, “Kaayyoo nageenyaa fi Tasgabbii akkasumas nageenya ummata Itiyoophiyaa ni deeggarra." Jedhan jechuu dhaan Keeneedi Abaate gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG