Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weellisaa Beekamaan Lammii Itiyooophiyaa Maadiingoo Afewerq Du’aan Boqote

Weellisaa Maadiingoo Afewerq
Weellisaa Maadiingoo Afewerq

Kan sagaleen isaa qalbii uummataa hawate weellisaan lammii Itiyoophiyaa Maadiingoo Afewerq har’a Finfinnee keessatti du’aan boqote.

Ijoollummaa isaatti dandeettiin isaa ajaa’ibaa kan adda baafame wellisaan kun sagalee isaa humna qabuun beekama. Maadingoon dhibee isa mudateen lubbuun isaa darbuu sabaa himaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed du’a weellisaa jaal’atamaa kanaa ilaalchisuu dhaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru. “Yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina hedduu galmeessiseera “jedhan muummichi ministeeraa Abiy.

Forum

XS
SM
MD
LG