Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Somaaliyaa Haleellaa Bal'aa Al-Shabab Irratti Raawwatameetti Milkaa’uu Isaa Beeksise


FAAYILII - Miseensota Waraana Biyyoolessaa Somaaliyaa Moqaadisoo keessatti, Ebla 12, 2022.
FAAYILII - Miseensota Waraana Biyyoolessaa Somaaliyaa Moqaadisoo keessatti, Ebla 12, 2022.

Sabaa himaan mootummaa Somaaliyaa wixata kaleessaa akka jedhetti waraanni biyyattii shororkeessota garee al-Shabaab naannoo giddu galeessa biyyattii irra jireessa keessaa ari’e jedhan jechuu dhaan Mohammed Sheek Noor Moqaadishoo irraa gabaaseera.

Kan mootummaan deggeramu haleellaan hidhattoota gosa Somaaliyaa torbanneen hanga tokko dura naannoo HIraan keessatti hidhattoota al-Shabaab irratti kan baname yoo ta’u, magaalaalee ijoo hedduu walaba baasuu dhaan gara Galgaduud achiis gama kibbaatti kan argamu naannoo Beeyitti sosso’ee jira. Ameerikaatti kan leenji’an deggersa komaandoo mootummaa Somaal’iyatiin naannoo Hiraan keessa kan jiran qubsumni 40 walaba waan ba’aniif fooya’inni guddaan argamee jira.

VOAn injifannoo mootummaan Somaaliyaa argadhe jedhe dhuunfaan hin mirkaneessine.

Bu’aan waraana Somaaliyaa kun kan argame erga hidhattoonni al-Qaayidaa waliin hidhata qaban mooraa leenjii irratti haleellaa raawwatanii loltuu tokko ajjeesanii ja’a immoo madeessanii guyyaa tokko booda.

Duulli mootummaan Somaalee biyyattii deebisee to’achuuf geggeessaa jiru, kan angawoonni tokkummaa mootummootaa baatilee keessatti gara beelaatti geessa jechuun akeekkachiise yeroo biyyattiin hongee hamaa keessa jirtutti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG