Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeessi Seeraa Keeniyaa  ICCn Himataman Du’anii Argaman 


Ogeessa seeraa keeniyaa Pool Gicheeruu bakka tursiisaa ICC keessaa viidiyoodhan dhaddacha oggaa hordofan, Guraandhala 15, 2022
Ogeessa seeraa keeniyaa Pool Gicheeruu bakka tursiisaa ICC keessaa viidiyoodhan dhaddacha oggaa hordofan, Guraandhala 15, 2022

Ogeessi seeraa lammii keniyaa mana murtii yakkaa adduunyaa irratti himatamanii jiran wixata dheengaddaa mana isaanii keessatti du’anii argamuu isaanii gabaasni Mariyaamaa Diyaaloo naayiroobii irraa VOA dhaaf ergamee ibsee jiraa.

Ogeessii seeraa Pool Gicheeruu dhimmaa filannoo keniyaa bara 2017 taasifameen walqabatee himanaa Prezidaantii keniyaa amma Wiliyaam Ruutoo fi Prezidaantii duraanii Uhuruu keeniyaata Irratti mana muritii yakka adduunyaa irratti dhihaate giduu seenuudhaa raga baatotaa sodaachisuudhaan, kaaniif immoo maallqa laachuudhaan akka ragaa hin baanee taasisaniiru jedhamanii himatamanii nama dhimmi isaanii ilaalamaa jiruudhaa.

Gorsaan komishiinii mirga namoomaa keniyaa Martiin Maveenjinaa, Gicheeruun dhukubsachuun isaaniif dhukubaa du’af battalaatti isaan geessisuu qabaachuun isaanii akka hin beekamene VOAti himuun isaanii gabasameera.

Dubii himaan Mana murti yakkaa Adduunyaa ykn ICC Faadi EL Abdallah du’a Pool Gicheruu ilaalchisee mootummaa keniya irraa amma ibsii ifa ta’ee isaan qaqqabutti dhimmichaa irratti akka ibsa kennuu hin barbaannee beekisaniiru.

Filannoo keniyaa bara 2017 taasifameen walqabatee jeequmsa Umameen lubbuun nama 1000 olii darbuun isaa waan yaadatamuudhaa. Dhimma Kanaan walqabatee prezidaantii keniyaa duraanii Uhuruu keniyaata fi Itti aanaan isaanii Yeroo sanaa Wiliyaam Ruutoo mana murti yakkaa adduunyaa irratti himatamuun isaanii ni beekaama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG