Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Itiyoophiyaa Daawwatan 


FAAYILII - Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud
FAAYILII - Prezidaantii Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud

Prezidaantiin Biyyaa Somaaliyaa Haasan Sheek Mohaamud erga prezidaantii biyyatti ta’anii filatamanii boodaa yeroo jalqabaatiif Itiyoophiyaa daawatanii jiru.

Gabaasinii Keenedii Abaatee Finfinnee irra ergee akka ibsetti, Prezidaantiin Somaliyaa dhimmootaan waloo irratti Muumme ministiraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimadii wajjin marii taasisaniiru.

bsii waajiraa dhimma preesii mummee ministiraa Itiyoophiya iraa VOA dhaaf ergame akka jedhetti dhimmoottan hoggantoonni lamman erratti maryattan keessa inni tokko dhimma tasgabbii naannooti.

Biyyoottan lamman tasgabii gaanfaa Afrikaa mirkaneesuudhaaf akka waliin hojjatan walii galuu isaanii ibsii waajiraa muummee ministiraa Itiyoophiyaa irraa bahe kun Eereraa.

Daawannaan prezidaantiin Somaliyaa Itiyoophiyaatti taasisan haleellaa gareen Al Shabaab daangaa ce’ee raawwate fashalaa’uu isaa erga mootummaan Itiyoophiyaa ibsee turban Torbaa booddeedha.

Prezidaantiin Somaliyaa Torban filatamaan keessaa Eertiraa deemuudhaan daawwanaa guyootaa taasisuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG