Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Walloo Kaabaa Keessatii Wal-waraansi Itti Fufee Jira, Jedhu Jiraattonni 


FAAYILII. - Meeshaa waraana naannoo Damootitti qarqara karaa jiruurra ijoolleen oggaa tabatu, muddee 7, 2021
FAAYILII. - Meeshaa waraana naannoo Damootitti qarqara karaa jiruurra ijoolleen oggaa tabatu, muddee 7, 2021

Walwaransaa mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa fi mootummaa naanoo Tigraayi gidduutti waggoottan lamman darbaniif taasifamaa jiruu karaa marii nagaatiin dhaabsisuudhaaf yemmuu hawaasnii adduunyaa yaalii gochaa jiru kannatti, bulchiinsaa naannoo Amaaraa godina walloo kaabaa keessaatti lollii guyyaa hara’aa itti fufee jiraachuu isaa jiraattonni sagalee Amerikaatti himanii jiru.

Jraataa maqaa isaanii himuu hin barbaanee karaa Adda waraanaa Raayyaa bakka Gobbiyee jedhamuu irratii lolli cimaan taasifamma jiraachuu isaa VOA ti himuun isaanii gabaasameera.

Bakka magaalaa Waldiyaa irraa kiiloo meetirii 15 fagaatu fi bakka Aliwuhaa jedhamu keessaa nammii jiraatann akka himaniitti torban darbee keessaa darbee darbee kan taasifamaa turee lolli gareewwan lammanii guyyaa har’aa daran cimee itti fufee jira.

Lolaa godina walloo kaabaa keesatii taasifamaa jiru kanna irratii karaa mootummaas ta’e karaa ABUTn ibsii kennamee hin jiru.

Dubbi himaan ABUT Geetacheewu Radda Fuulaa Tiwuutarii isaanii irrati ibsaa baasaniini waraanaa Eertiraa karaa naannoo Affariin seenee bakka Barahilee jedhamuutti waraanaa isaanii irratti dhukaasaa bane hinjifachuu isaanii akka ibsaan Kenedii Abaatee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG