Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Kutaalee Qaama Yukireen Afuriif Boor Beekamtii Kenniti


Faayilii: Sirna Raashiyaan naannolee Yukireen afur qabachuu ishee labsu dura baanaroota dhaabaman
Faayilii: Sirna Raashiyaan naannolee Yukireen afur qabachuu ishee labsu dura baanaroota dhaabaman

Raashaan Bakkewan Afur haalaa Hirree ofii ofiin Murteeffachuu ykn riferendamiidhaan Yuukreen irraa akka addaa baaha taasifteef sirna beekumsa kennuu jimaataa borii akka taasiftuu beeksiftee jiti.

Dubbi himaan masaraa Kremiliin Dimitirii Peeskoov kamisa har’aa oduu gabastotaaf ibsa kennaniin sirnichaa irratti Prezidaanti biyyatii Vilaadimiir Puutin dabalatee hoggantoonni kutaalee afuranii warren vilaadimiir Putiiniin filataman akka argaman beeksisaniiru.

Tarkaanfii Raashaan fudhatte kanna Yunaayitid Isteets fi biyyoottan Awurooppaa mormanii jiru. Chaansileeriin biyya Jermen Olaaf Shuulz kamisaa har’aa ibsaa kennaniin biyyi isaanii referedamii taasifamee kanaaf akka beekumsaa hin keninee prezidaantii Yuukreean Volodemiir Zelensikiifi ibsuu isaanii himaniiru.

Itti gaafatamtuun dhimmaa presii masaraa Waayit Haawus Kaariin Jeen Piyeerii kaleessaa ibsaa oduu gabaastotaaf keenaniin tarkaanfichii akkaataa seeraa adduunyaatii fi chaartara mootummoota gamtoomaniitiin alaa waan ta’eef Yunaayitid Isteets bakeewwan sun akka qama Yukreen ta’anitti beektii jedhaniiru.

Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii diinagdee haar’aa Raashaa irraa kaa’udhaan mormii isaa akka agarsiisu prezidaantiin Komishiinii Awurooppaa Ursulaa Voon deer Liiyeen ibsanii jiru.

Qoqqobiin diinagdee gamtaan Awurooppaa Raashaa irraatti dabarsuuf karoorfatee kun galii Raashaan gabaa awuurooppaa irra arggattuu Yuuroo Biiliyooni Torba kan ishee dhabsiisuudhaa jedhameeraa. Qoqqobichii biyyoottan miseensa gamtaa Awurooppaa ta’an hundaa keessatti kan hojii irra oolu ta’a jedhameeraa.

kutaaleen Yuukreen irra addaan cituuf deeman Doonesk, Keerson, Lahaanisk, fi Zaporizizihaan lakkofsaa lammiilee yuukreen keessaa dhibeentaa 15 akka ta’an gabaasameeraa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG