Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maanguddoon Wagga 87 Yakka Fixinsa Sanyii Ruwaandaan Hiatamanii ICCti Dhihaatan


Faayilii: Felisiyeen Kabuugaa
Faayilii: Felisiyeen Kabuugaa

Dhumiisaa bara 1994 Ruwaandaa keessaatti raawwatee keessaa harkaa qabuu kan jedhaman nammi wagga 87 mana murti yakkaa adduunyaa ICC-tti dhihaachuu isaanii maddi oduu Asooshiiyetud prees gabaasee jira.

Nama Feelissiyen Kaabugaa jedhaman irratti himannaan dhihaatee akka jedhutti tarkaanfii gareen Huttuu saba Tutsii irratti fudhachaa turan maallaqaan akka deggeraa turan, keessumaa dhaabtaa raadiyoo wal fixiinsa sana jajjabeessaa ture isa RTLM jedhamee beekumu nama maallaqaan degeraa turaniidhaa.

Nammii abbaa qabeenyaa turan kun, garee finxaaleyootaa Huuttu kan ta’ee fi garee “Interahamwe” jedhamee beekamuu hidhachiisaa akka turan himanna irratti dhihaatee irraa baruun danda’ameeraa.

Kabuugaan kan too’annoo jala oolan ji’a caamsaa bara 2020 Magaalaa Paaris keessatti. Namii bakka nammii kun jiran beekuu yoo jiraate badhaasaa doolaara miiliyoonii Shanii akka argatuu labsamee barbaadamaa turan.

Wal loliinsaa guyyoottan 100f Ruwaandaa keessatti taasifame sanaan namoonni kuma 800 oli du’uu isaanii gabaasni Asooshiiyeeted Prees yaadachiisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG